Interviewer:- Saani kee aannan hagam siif kenniti?
Farmer:- Sa'a ishee kami, sa'a ishee gurraattii moo ishee adii?
Interviewer:- Ishee gurraattii?
Farmer:- Guyyaatti liitira lama.
Interviewer:- Ishee adiin hoo?
Farmer:- Isheenis guyyaatti liitira lamuma elmamti.
Interviewer:- Eessa bulu saawwan kee kun?
Farmer:- Ishee gurraattii moo ishee adii?
Interviewer:- Ishee gurraattii?
Farmer:- Mooraa loonii keessa.
Interviewer:- Ishee adiin hoo eessa bulti?
Farmer:- Isheenis mooraadhuma loonii keessuma bulti.
Interviewer:- Saawwan kee baay'ee babbareedu, maal soorta akkasitti?

Interviewer:- Ishee gurraattii.
Farmer:- margaa fi qoricha (talaallii) yeroo yeroottin kennaaf.
Interviewer:- Ishee adiif hoo?
Farmer:- Ishee adiifis akkasuma margaa fi qoricha (talaallii) yeroo yeroottin kennaaf.
Interviewer:- (baay'ee aaruun) deebiin saawwan lameeniifuu kennitu wal-fakkaataa ta'ee osoo jiruu maalif wa'ee ishee adii moo ishee gurraattii na gaafatta jettaa?
Farmer:- Sababni isaas ishee gurraattiin kan kiyya waan taateef.
Interviewer:- Saawwi isheen adiin hoo kan eenyuuti?
Farmer:- Ishee adiinis kiyyuma 😁
@Qoosa430