Finfinnee Post dan repost
#Anaa_fi_kondominiyeemii 🏢
Namoonni tokko tokko kaffaltii kondominiyeemii kaffaluuf garakoo dhufu. Warri isaaniif bahe 'mee qarshii kana account kondominiyeemii koo irra naaf galchi' jedhanii kokkolfaa dhufanii kokkolfaa deemu. Gammachuu qabu. Sababni isaayyuu mana isaanii keessa jiraatu. Mana fincaanii tokko nama 30 ta'anii hin fayyadaman. Firrikoo dhufe jedhanii hin dhiphatan. Sagalee TV gad qabaa jedhee namni isaanitti dubbatu hin jiru. Yoom asii baana jedhanii hin dhiphatan...
Warri kondominiyeemiin sun utuu isaaniif hin ba'iin kaffalaa jiran ammoo fuulli isaaniiyyuu nama sodaachisa. Qarshii natti kennanii deemu utuu hin taane natti darbatanii deemu yoon jedhe wayya. "Ayi Adaanech...manichi silaa nuuf hin ba'u callisnee qarshii keenya as keenya" jedhanii dalga na ilaalu. Ani akka waan ofiikoo manicha isaan dhowwadheettin ol jedhee isaan ilaaluu sodaadha😭 Kaanimmoo dhufanii "Yookaan mana hin argannu, yookaan qarshiin keenya hin dhalu..." jedhu. Ani ammas akka waan ofiikoo dhala isaa isaan dhowwadhee ofii fudhachaa jirutti natti dhaga'ameen callisee gad jedhee hojiikoo hojjedha.
Jarana na dhiisaa🤲 Anaa fi kondominiyeemii keessan waanti walitti fidu hin jiru. Tarii suufii uffadhee fuldura keessan teenyaan #baala_gizee sinitti fakkaadhee laata? Ani baala-gizee miti, akkuma keessan taa'een #gizee eeggachaa jira😂 Mammaaksa "Jarjaraan re'ee hin horu" jedhu sana siniif jennee jijjiirree jirra. "Jarjaraan kondominiyeemii hin argatu!" 😁
@waaqooF