Postlar filtri


Dubbachuun danda'u
Yaada garaa waadu
Karaa karra hin qabne
Mee maal ta'uu aadu

Maal jedheen siittimaa
Jaalalan siif qabuu
Kolfa keetu na quubsa
Yoon bules hagabuu

Tapha keefi kolfa kee
Dhokadheen sidaawwadhaa
Dhukkubaaf du'a jalaa
Eessuman si kaawwadhaa?

Ati naaf filatamtuudha
Bohaarsituu waa hundaa
Hinaaftuu jaalala keenyaa
Kolfuma keen na gubdaa

Si qofa jaalalleen koo
Kanan filee argadhee
Jaalallikee naaf gamnaan
Rabbiin taa'ee kadhadhee

Ati naaf kennaa kooti
Si argachuun badhaasa
Jaalala kootiif kankee
Du'atu addaan nu baasa

Yoomuu ATI kan kooti
Kennaa Waaqa guddaa
Lapheen koo siin feeti
Deemus yeroo hundaa

@wiirtuu_wolaloo🦋


Walaloo Afaan oromoo
Kanneen bifa Addaa
Dubbistee Bohaaruu
Amma Ni Barbaaddaa
Beeksifnin Gubataa
Ammuma Maal Eegdaa❓
                      👇👇👇
JOIN US @Musaab_Naasir
JOIN US @Musaab_Naasir


Sin Jaalladha Jedhee
Sittin baasu Gatii
Atoo Boru Deemta
Na gattee Qofaattii

Atoo Akka Baalaa
Bubultee goggoddaa
Daandii irraa Teessee
Awwaarammoo dhugda

Akkanan Yaadutti
Uumamni kee Addaa
Adduunyaa kanaafis
Hedduu bu'aa qabdaa

@wiirtuu_wolaloo🦋


Meeshaa Gatii Jabaa
Kan Hin Jirre Gabaa
Xiqqaafi Guddaanis
Waan kanuma qabaa

Jaalalaan Beekamaa
Oromoon Jalqabaa
Sirritti Qorannuu
Seenaa Aadhaa abbaa

Arras Akkasuma
Ta'uu Quban Qabaa
Nuto Akkam Taana
Kanatu Na Dhibaa

@wiirtuu_wolaloo🦋


Deemuuf Kaatee
Hin Sodaatin karaa
Buluuf Kaatees
Hin Sodaatiin Garaa

Furtuun biyya lafaa
Obsa Harka jiraa
Uumaatu Nuuf laate
Nutti Godhee Firaa

Firiin Akka Obsaa
Meerree eessa jiraa?
Hundaafuun yaada'in
Guyyaan dhufuuf jiraa

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Siniif himuu
Waa'ee Namaa
Harra Asii
Boru Gamaa

Turee buleetu
Wol Oodaa
Qarshii xiqqoon
Wol Qoqoodaa

Himuuf jedheen
Waa Yaadadhee
Anis Namaa
Nin Dagadhee 😁

@wiirtuu_wolaloo🦋


Raajii Koo Tokko

Raakkoon Na mudatee
Abba murtiifin bilbilee
Haasawwa Taasifnes
Wolaloon Dabaalee

Ana(M), A/Murtii(X)
&Gadaa(G)

M: Hello Abba Murtii
Anadha dhageessuu?
Asidha bakki Namni
Itti Wolkasasuu

X:Jaallatamaa maamilaa
Maal Siniif haa murteessuu?
Eeyyee Anumadha
Kan rakkoo sirreessuu

M: Yakka Ta'e Tokkotu
Raawwatamaa jiraa
Bakkisaas Dhiyoodha
Kunooti Na Biraa

X:Yakkichi Maalidha
Naaf Ibsi Adaraa
Haqa Murteessuudha
Hojiin koo Inni Duraa

M: yakka Ta'ee himuuf
Bakkisaa Cimaadha
Garuu Ni Dandeessuu
Dursa Nin Gaafadhaa

X: Maafin Hin Dandeenye
Ani Nam-cimaadhaa
Dafiitii Natti Himii
Gubate Yeroonidhaa

M: yaada Ta'e Woyiitu
Sirriitti Na Jeeqaa
Baadiyyaaf magaalaa
Kamiin woyya Baqqaa?

X: Maa Namichananan
Maaf Na Jeeqxa Sammuu
Magaalaatti Galtee
Barbaaddee Nu Saamuu?

X: Gorsa yoo barbaadde
Waa'ee dhimma keetii
Manna Murtii Gadaa
Gaafadhu Dhaqiitii!

M: Thank you Abba Murtii
Waan Naan dubbataniif
Naaf Galatoomi Atii
Manni Murtii Gadaa
Bakka kabajaatii🎉

G: Woliin Taanee lammii
Haqa Keessan baasaa
Aadaa, Afaan keenyaan
Isin Tajaajilla gorsaa

Congra My person ❤️
✍️Musaab Naasir
@wiirtuu_wolaloo
@Musaab_Naasir

#poems #motivation
#funny #education
#gadaa #promotion
👍   ❤    🗨️         ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Yaa beekaa koo

Ofii Keetiif Gattee
Gatii X Garmalee
Barataa barbaada
Wontoonni siin gallee

Kan gaaffii Nuuf ta'u
Waa Tokko yoomullee
Gatii X yoo Jedhan
Hin Jirum Gaballee

Eessaa Akka Argamu
Nutti Himi Malee
Daree Barnootaattii
Argame Garmalee

Garuummoo ni badaa
Gaafuma Bubbulee
Mee Argii nuuf himi
Bakkashee Ammallee

Jennee Kan Gaafannu
Turre Nu Kunillee
Gattin X Barbaacha
Ammaaf boru illee

Furmaata Herregaa
Kan Furtuu jiruudhaa
Bituudhaaf gurguruu
Kan jirtu Gabaadhaa

✍️Musaab Naasir
@wiirtuu_wolaloo
@wiirtuu_wolaloo

#poems #motivation
👍   ❤    🗨️         ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Qabeenyi Koo Baayyatee
Samiidhaa Hanga Lafaa
Ani Du'uun Barbaaduu
Kaffaleetan As Hafaa

Abbaa Qabeenyaa Ta'ee
Jiraachuun kootu Addaa
Biliyeenaara Darbeetan
Jecha Uumuu Barbaadaa

Namootumti Naa Olii
Jiraachuu Hin Qabanuu
Jettanii yaadaa Jirtuu
Qaamtanii mirqaantanuu

Rakkataa Homaan Qabne
Ta'uudhaaf Jirta Boruu
Dhugaatii Kan Kee dhabdee
Ni Dhugda Laga Booruu

Wonta Afaaniin himtan
Hojiidhaan Agarsiisaa
Kana Hin Ta'u Taanaan
Ani hin Beekuu dhiisaa

What do you advise me?
✍️Musaab Naasir
@Wiirtuu_Wolaloo

#poems #motivation


Barri Dhufee Darbuun
Qofti Bu'aa Qabaa
Qaamolee dubbiidhaa
Fayyadamnee Arrabaa

Namoota baayyeenis
Qalbiin keenya cabaa
Kunoo woggaa geenye
Dhaamsa wo'iin qabaa

Hunduu Na Hubadhaa
Yaa Haadhaa yaa Abbaa
Sintu Nuuf Furmaata
Rakkoo jaarraa Dhibbaa

Irraa Waa Hubadhaa
Dhiiraa fi Shamarrii
Osoo Sittin Darbin
Ammoo dhufee Barri

✍️Musaab Naasir
@wiirtuu_Wolaloo


Jecha toora galcheen
Si waamu barbaadaa
Garuummoo sin argu
Qofaama koon aadaa
~
Abjuun natti dhuftee
Taphattee shubbisaa
Morma kootti kuftee
Seeqxee na dubbisaa
~
Haala keessa jirruu
Na gaafachaa baafte
Kanin beekne firruu
Seena darbe kaaftee...
~
Gumbii beekumsake
Dubbii akka dammaa
Anaaf hin qusannee
Kunoo hanga ammaa
~
Dhufa kan kee eegdii
Qalbiin si dheebottuu

Har'as maaloon hafiin
Abjuudhan naaf kottu!

@Musaab_Naasir


Happy New year 🎉

Bara Haaraa gaarii
Lammiin kiyya martuu
Magaalaaf Baadiyyaa
Bakka hundaa Jirtuu

Biyya Alaaf Keessaa
Kan jirtan hundumaa
Happy New year 🎉
Namootni hundumaa

@Musaab_Naasir


Happy New year 🎉
Bara Haaraa Gaarii 🎉
@Musaab_Naasir


Hordoftoota 25K
Congratulations 🎊
Baga gammaddan

Kottaa raajiin ta'e
Arrammoo yaa firaa
Kunoo hordoftoota
25K seeneen jiraa

Baayyeeman gamade
Dhugaa yaa saba koo
Baayyee Galatoomaa
Ammaallee Lammii koo

Anootii hin qabu
Jecha siniin gitu


Ta'aa sin simadhe
Akka aadaa sabaa
Wolaloo bareedduu
Hedduun arkaa qaba

Isin baayyachuun kun
Haamilee naaf qabaa
Ammallee jabaadhaa
Haga kuma dhibbaa

Oromoon koo baayyee
Eenyutu dhaqabaa
Seenaasaa qorachuun
Nuuf ta'a adabaa

Oromummaa kanaaf
Jecha tokkon qabaa
Tokkummaa horadhaa
Hedduu bu'aa qabaa

Dhaloota egereef
Seenaa gaarii ka'aa
Wolaloon kiyya kun
Isiratti hunda'a

@wiirtuu_Wolaloo

⏹️ hordoftoota 25K
✍️Musaab Naasir


Obboleettii Koo

Daqiiqaa tokkodhaan
Adduunyaa naannofta
Akkanan Si Yaadu
Ati maaf wollaalta

Hirriba Rafuudhaaf
Boraatiin Godhadhuu
Yaada kan Kee Malee
Kan Biraan qabaadhu

Yaaduma keef jedhee
Barii lafaan Ka'aa
Buna Dhuguuf ba'ee
Shaayii waamee ta'aa

Misaa Nyaachuuf ka'een
Harka Koon Dagadhaa
Siistuu Koo Jedheeman
Deebi'ee Yaadadhaa

Eeyyee waa'eema Keef
Kun Hundi Na Dhibuun
Siistuu koo Si Yaade
Waa'een Koo sin dhibuu

✍️Musaab Naasir
@wiirtuu_wolaloo


Harmee Koo

Na Barsiifachuuf jetttee
Natti Kaffaltee Gatii
Namarraa Adda baatee
Na barsiiftee Addattii

Liqii ollaadhaa Fuutee
Dungaa cabdee kafalaa
Ba'aa Dundatti Baattee
Magaalaatti daldalaa

Ilmaan Kee Harkaat Baataa
Kan Dugdattimmoo qoraanii
Woggaa Kuma Nuuf jiraadhu
Sihaa Tiksu Rabbiinii

@Musaab_Naasir


ABJUU KOO
⚫🔴⚪
Gaafa barri hammaate
Ilmaan koo beelli fixe
Qallaba barbaaduttin
Boolla mar'ataa lixe
⚫🔴⚪
Ilmaan koo bittineesee
Mar'imaan koo jabeessee
Kan guddatte bobbaaseen
xixiqqoo ollaa geesse
⚫🔴⚪
Deega koo obbaafachuuf
Baadhee kal'oo maraata
Yoon godoo isaa seenuu
Mana gumaa fakkata
⚫🔴⚪
Suuta jeedhen ol seene
Lapheen koo na soodata
Dukkana keessan laaleen
Arge mataa mar'ataa
⚫🔴⚪
Rifadheen gadi taa'e
harkaan lafa qabataa
xiqqoo natti mul'ate
Waan ta'e qabee nyaata
⚫🔴⚪
Nyaachufin itti siqe
Harki koo na kirkiraa
Yoon dhaqee bira ga'uu
Ilmoo koo nyaachaa jira
⚫🔴⚪
Rifadheen lafa dhahe
Naasuun dugdi na citee
Na nyaachuf ija baasee
Ijoollee koo hundaa fixee
⚫🔴⚪
Maaloo ijoollee kiyya
Uu uu jedhee iyyaa
Fiigichan eegale
Karaa fira kiyyaa
⚫🔴⚪
Dura koo boolli jira
Mar'ataan duuwwa kiyya
Maaloo ani nyaatame
Na dhaqabaa yaa biyya
⚫🔴⚪
Maaloo nan nyaatin jedhee
osoon itti wawwatuu
Duraanis natti ba'e
Bineensi nama nyatu
⚫🔴⚪
Jalaa ba'uuf jabaadhee
Bosona keessa kaadhee
Humni koos na dhadhabe
Beelanis nan maraadhe
⚫🔴⚪
Na bira hafuu dide
Mar'ataan na ari'ee
Akkuman ta'u ta'een
Tulluu jalaa qaari'e
⚫🔴⚪
Osuma na gangalchuu
Abjuun harka na hi'ee
Lubbuun kiiyyas ni hafe
Halkanis ni bari'e

✍️Shambal Dabalee

@Musaab_Naasir


Wolaloon dubbadhee
Yaada Koo Ibsadhaa
Madaa Keessa Kootii
Alattin Baafadhaa

Gammachuu fi gadda
Baasee Hin dubbadhu
Wolaloo Gababaadha
Kana Wrote Godhuu

Xiqqoo Naan mijatuu
Gagaarii Barreessuun
Obsumaan Na Eegaa
Siniin Dhufan dheessu

Ammoo Eegaleera
Wolaloo Qindeessuu
Dubbisuuf Share godhuu
Qofa Ni Dandeessuu?

@Musaab_Naasir


An Siniin barreessaa
Wolaloo Tarreessee
Share fi View Laalee
Sinitti gaddee callisee
Meerre Eenyu jiraree?

Share gochuun Nacinaa
Dhaabbadhaa lammii
Miliyoona Qabaachaa
Tirachuun kun Yoomii

Please help me 🙏
Namoonni chaanaalii
Telegram Qabdan
👇👇👇
@Musaab_Naasir
@MusaabNaasir


Arra mee na bartaa
Miidhaa fi faayidaa
Duraan duratimmoo
Kunootii faayidaa

Sammuu keen bohaarsa
Ani yeroo hundaa
Hiyyeessaaf dureessa
Homaan qoodu addaa

Qote bulaatillee
Nan bohaarsa sammuu
Na woliin jiraanaan
Kunoo ni garmaamuu

Yoo na gurgurtan arraa
Ala bahaan jiraa
Xiyaaraaf baaburan
Deemuudhaaf ka'eera

Galii bifa addaan
Siin galcha manatti
Feetu konkolaataa
Xiyyaarallee bitii

Lafa tabbaaf biyyoo
Siin eega deemsattii
Ani yeroo hundaa
Kunoo galii keetii

Miidhaa koon siif hima
Xiqqaa fi guddaasaa
Araada kootirraa
Eenyutu bilisaa

Hundaa booji'eera
Sammuu namaa keessa
Bakkan dhiben jiru
Arra nin odeessaa

Yeroo kee nin fixa
Hirriyyaas nin balleessa
Harra waa'eema koon
Isinit odeessa

Barataan jedhinaa
Kunootii barsiisaa
Doktooras yoo jettan
Anatu hojjachiisaa

Baduun koo hin jiru
Baruma kamittuu
Kanati na nyaattu
Xinnoosii haa xiqaattu

Wolumaa galatti
Maqa koo hin himuu
Caatii ta'uu koommoo
Hin dhiisin tilmaamuu.

✍️Musaab Naasir
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@Musaab_Naasir
@Wiirtuu_wolaloo
𝙸𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤   🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.