#Namni_Waan_Jedhu_hin_Dhabu!
Waan Gaarummaa isaatti Amante
Hojjechuuf Duubatti hin Deebi'in!
➥ Abbaa fi ilmatu lafa fagoo deemuuf waliin manaa bahan. Kan isaan fudhatanii deeman
harree tokkotu turte. Harree sana irratti waan isaan barbaachisu fe'atanii, ilmi harree yaabbatee, abbaan ammoo funyoo itti dha'atee
fuulduraan harkisee qajeelan.
● Osuma deemanii ganda tokko keessa yeroo darbuuf jedhan namoonni jarreen imala irra jiran kana arganii, "maali gurbaan gadheen kun ofii
yaabbateetu abbaa isaa lafoo deemsisaa?," jedhan. Mucaanis dubbii jaraa dhaga'eetu, ofii irraa bu'eetu abbaa isaatiin yaabbadhu anii harkisa jedhee deemsa itti fufan.
● Ammas yeroo xiqqoo achi siqan, "maali abbaan ilmoof hin yaanne?" jedhanii arrabsan. Imaltoonni kun dubbii kana dhageenyaan, abbaanis irraa bu'ee lachuu lafoo deemuu eegalan. Ammas xiqqoo yeroo achi siqan namoonni walitti agarsiisaniitu, "Ilaali argitee, warri qabeenya qaban kun ammoo akkumatti qabeenya isaaniitti fayyadaman hin beekaniim, harreen osoo jirtuu lafoo deemu," waliin jedhan.
Abbaa fi ilmis kana dhaga'aniitu, koottu nuti
lachuu haa yaabbannu jedhanii lama ta'anii yaabbatanii qajeelan.
● Namoota wayii bira yeroo gahan, "maali waaqa hin sodaattanii, hin dubbattu duudaadha jettanii miituu, waaqni maal isiniin jedha?" jedhan.
● Jarris irraa bu'an. Yoo maal goone gammachiisna jedhanii dhiphatan. Amma harree kana ol fuunee baannee deemna, yoos namni nutti gammada waliin jedhan. Harree sana lama ta'anii ol fuudhanii baatanii deeman. Yeroo isaan harree baatan arganii namoonni ni ajaa'ibsiifatan. Ittis kolfan.
● "Maali isaan gowwoota akkamiiti kan harree baatan," jedhanii itti qoosan. Abbaa fi ilmi kana hunda ilaalanii, nama gammachiisuu waan hin dandeenyeef, akkuma ofii yaadanitti imala isaanii itti fufan.
Ergaa:
➦ Waan gaarii hojjettu, yaraas hojjettu namni waan siin jedhu hin dhabu. Ati garuu, namoota
gammachiisuuf osoo hin taane, waan sirrii ta'uu isaa itti amante kamiyyuu hojjechuuf duubatti hin jedhiin!