MUL'ATAA FI ABJUU
Mul'atni gahuumsa yaada keenyati. Fiixee Milkaa'ina ti. Mul'atni oltuulama yaada guddaa sammuu keenya keessa jiru kan lubbuun keenya itti gammaddu dha. Mul'atni Wanta ta'uu fi taasisuuf yaadnu dha. Galma guddicha jireenya keenya yeroo jiraannu gammachuu fi fayyummaan jireenyaa nutti dhagahamu mul'ata dha. Iddoo kam caala kan itti boqonnu dha. Hiikaa jireenyaa fi jiraachuu kan hubachiisu dha.
Mul'atni waan ta'uu barbaadnu dha. Wanta onneen keenya dhahannaan isaa dabaluuf, gammachuu itti qabaannu, boqonnaan kan nutti dhagahamu, dadhabbii malee hojii hojjachuu dandeenyu akka tahe kan hubannu dha.
Mul'ati wanta utuu nyaata nyaatanii beela'ean, utuu dhuganii immoo dheebotani dha. Mul'ati wanta taa'i taa'i nama hin feesisne garuu, immoo tasgabbii namaaf kennudha.
Mul'ati hojii dha. Mul'ati dhugaa qabatamaa wanta taanu sana fakkiidhaan ykn fakkiidhaan argi dha.
Abjuun wanta mul'ati keenya akka fiixa bahuuf nu gargaaraniif taasisnu dha. Iddoo gahuuf deemtu akka itti geessuuf kan si gargaaru dha. Abjuun gaggeesituu mul'ata ti.
Mul'ata keenya akkamiin beekuu danda'ama?
Namni mul'ata maleessa gara dhachee kanaatti dhufe hin jiru. "Ani naman gatii malee dachee kanatti dhufe dha" ofiin jechuun wanta gatii guddeessa nutti kennamee sana harka keenya irratti salphisuu akkasuma mul'ata maleessa ofii keenya taasisu dha.
Meeshaan mul'ata ofii ittin barbaadanii argatan hin jiru. Garuu, tooftaaleen gargaraa ni jiru. Isaan keessaa muraasni:
🖐️ Mul'ata ofii beekudhaaf, baruudhaaf fedhii qabaachuu.
🖐️ Fayyummaa fi nageenya ofii eegachuun eegumsa yaada sammuu keenyaaf taasisuu.
🖐️Yeroo ofii kennuun ofii keenya dhaggeeffachuun.
🖐️ Dhiphina malee yaada fayyaalessummaadhaan olitti yaadudhaan.
🖐️ Namoota nutti dhiyaatan irraa yaada fudhachuu dhaan.
🖐️ Kitaabota dubbisuudhaan. Amala kitaaba dubbisu hin qabdu yoo taheyyuu amaleeffachuu of barsiisu dhaan dubbisuu dha. Kitaaba dubbisuun adunyaa dhugaatti keessa jiraachuu qabdu sitti agarsiisa. Dubbistee wanti dhabdu ofii kee isa/ishee sirrii hin taane, kan boca haalotaan, namootaan tolfame/te, kan karoora namaan deemtu, waamicha nama nama kamiyyuu jalaa owwaattu/u sana dha
🖐️ Hojii kaffaltii tokko malee yeroo fi humna keenya kennuun hojjannu dha.
🖐️ Mul'ati hojii galiin isaa gammachuu akkasumas abdii nutti horu dha. Via Coba Yaadaa 💧✍️