Ogummaawwan gurguddoo jireenyi si gaafattu keessaa inni tokko namoota sirrii ofitti marsuudha. Namoota gatii mul'ata kee haala ati keessa jirtuun hin madaalle, namoota egeree keetti amanan, namoota galma gahumsa keef waan danda'an hundaan si deggeran, namoota si jabeessan si barbaachisa.
Namoota akkanaa hedduu naannoo keetii argachuu dhiisuu dandeessa. Muraasuma yoo argatte garuu baay'ee si fayyadu. Namoota mul'ata kee hin deggere kumootaan marfamuu irra namoota si waliin dhaabatan namoota shan of duubaa qabaannaan ati carra-qabeessa.
Namoonni ati guyyaa guyyaatti yeroo waliin dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa uumu. Hammuma yeroo wajjin dabarsaa deemtu yaadota isaaniin mo'amaa deemta. Deemsa keessa gara yaada isaaniitti qajeelta. "Hiriyyoota kee natti himi, eenyu akka taaten sitti himaa!" kan jedhamu kanaaf.
Hiriyyoonni kee kallattii jireenya kee bocuu irratti ga'ee guddaa taphatu. Jireenya keetti marsanii kan jiran namoota mul'ata hin qabne yoo ta'an, atis gara mul'ata-dhabdummaatti deemta. Namoota mul'ataa fi kaayyoo qabaniin yoo marfamte immoo atis gara mul'ata keetti imala taasistuuf galtee guddaa isaan irraa argatta. Kanaafuu, namoota guyyaa guyyaatti yeroo waliin dabarsitu filachuu irratti of eeggannoo guddaa taasisuutu si irraa eegama! Via Ebisa Bayissa Kitaabicha irraa kan fudhatame!
#Finfinnee_Atoobustaraa_ Mana_Kitaabaa_Shawaatti_argattu!
Galatoomaa