Uumama lafarraa keessaa bineensa hojjaan isaa dheeraa ta'e Saattawwaa kan jedhamu ni beekna. Saattawwaan dhalaan yemmuu dhaltu akka beeladoota ykn bineensota biroo ciistee osoo hin taane dhaabbattee miixachuun dhalti. Ilmoon saattawwaa kunis gaafa garaa haadhaa keessaa baatu haati baay'ee dheertuu waan taateef gubbaa sanaa dachee gogaa irratti lafa rukutti. Haatishees ofirra garagaltee ilmoo dhalte kana kalchoodhaan tokkofti. Ilmittiinis dhiitichoo haadhaa jalaa olka'uuf yaaltee miillishee waan hin jabaanneef deebitee kufti. Haatishee garuu ammaa amma deddeebistee dhiitichaa cimaa irraan geessifti. Ilmoon kunis hanguma dhiitamtu ka'uuf tattaafattee dadhabdees kukkufti. Dhiitichaan haadhaas hanga ilmoon kun ol jettee deemtutti ittuma fufa.
Maaliifi sitti fakkaata? Gochi kun gara jabummaadhaa? Lakkii, gochichi gocha jaalalaati. Sababnisaa ilmoon kun miilasheen deemuu bartee warra ishee nyaatan jalaa bahuu akka dandeessuufi. Uumamni hunduu heeraafi hiree uumaan kenneef kan ittiin waliigalu, kan ittiin of oolchu mata mataan qaba jechuudha! Ati hoo jireenya keetif hangam of qaqaaba jirta?