Getu ✉️ Official dan repost
📚 #Dubbisa 145ffaa
Sammuu-Boba'aa Sirrii? (The right mind-fuel?) 🟢
“Akkaataa yaada haaraatiin keessa ofii jijjiiruu.”
“Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Rom. 12:2)
Wanti nuti fayyadamnu raawwii keenya murteessa. Kanaafidha qaama kee, ijoollee kee, bineeldota manaa kee, konkolaataa kee illee maal akka soortu of eeggannoo gochuu kan qabduuf. Garuu wanti ati sammuu kee soortu walqixa barbaachisaa dha, keessumaa seera lamaan jireenya keessatti socho’an kana yeroo ilaaltu:
1. Seera hubannoo (cognition): Yaadni kee miira kee fi amala kee irratti dhiibbaa qaba. Macaafni Qulqulluun, “Akkuma garaa isaa keessatti yaadu, akkasuma” (Fak. 23:7) jedha. Yesus mukti gaariin firii gadhee, mukti hamaan immoo firii gaarii kennuu hin danda’u jedheera (Mat. 7:18 ilaali). Kana jechuun, yaadni gaariin bu’aa gadhee argamsiisuu hin danda’u, akkuma yaadni gadheen bu’aa gaarii argamsiisuu hin dandeenye.
2. Seera Saaxilamummaa: Macaafni Qulqulluun, “... biyya lafaa kanaan hin bocamin; kanaa mannaa akkaataa yaada haaraatiin keessa kee jijjiiruu filadhu.” Yeroo baay'ee waan baay’ee saaxilamtu ni yaadda. Akkasumas jeequmsa, kajeellaa fi araada miidiyaaleen agarsiisan yoo ilaalle, yakkii fi safuu dhabuun baay’achaa dhufuun isaa nama hin ajaa’ibu. “Barruu kana dubbisuuf, sagantaa kana ilaaluuf, muuziqaa kana dhaggeeffadheera, garuu dhiibbaa narra hin geessisu” jechuu qofa hin dandeessu. Saayinsii hawaasaa amma wanta Waaqayyo yeroo hundumaa dubbate mirkaneessa —sirratti dhiibbaa qaba! Bakka deemtu, wanti dubbistu, (yookiin hin dubbisne), wanti ilaaltu, abjuun ati bohaarsitu hundi sammuu kee bocu. Phaawuloos, “Waan Kiristoos barsiise yaadadhaa, dubbiin isaas jireenya keessan keessatti badhaadhummaa haa qabaatu, ogeessas isin haa godhu” (Qol 3:16) jedhee barreessa. Kanaafuu yeroo boba’aa sammuu sirrii si barbaachisu yaadadhu: “Waaqayyo inni Dubbiin isaa ayyaana qabeessa ta’ee fi akka si barbaade si gochuu kan danda’u, waan si barbaachisu hundumaas siif kennuu Kan danda’udha.” (HoE. 20:32).
@Getu_Official ✅