Postlar filtri




*↪️TAJAAJILLI MAALI?*

*  Tajaajilli bara kana   namoota hedduu biratti waan itti fakkaatu;-*
↪️1.  Mallattoo beekamtii  akka ta’etti fudhatu.
↪️2.  Karaa aangootti ol bahanidha  jedhanii yaadu.
↪️3.  Karaa ittiin  badhaadhina  argatan jedhanii fudhatu.
↪️4.  Karaa Eenyummaa isaanii ittiin agarsiisan akka ta’etti yaadu.
↪️5.  Karaa kabaja ittin  argatan  jedhanii  yaadu;
↪️6.  Gariin immoo yaada adda addaa qabu.
*↪️  1. Tajaajila dhugaa*
↪️1.  Waamamuu  dha; /Mar 3:13;  1Phe 2:9
↪️2.  Filatamuu  dha;  / 1Phe 2:9/
↪️3.  Adda ba’uu dha   / Lew 20:7-8/
↪️4. Tajaajilli  Muudama dha; / Imaanaa fudhachuu/  jechuu dha.
↪️5. Aangoo hojii waaqayyo biraa kennameef fudhachuu dha.
↪️6. Tajaajilli gocha namoota fayyadu, of miidhuu, Waaqayyoon kabajuu dha.
↪️7. Hojii nama biraatiif gabra ta'uu dha.
↪️8. Gocha ergama tokko raawwachuu fi raawwachiisuu dha .  (Maatewos 2:1-3; Maatewos 10:5-8)
*✝️  2.Tajaajilaan tokko  Tajaajilaan  dura*
➡️1. Gooftaa wajjin jiraachuu qaba ;  Yohaannis  15:27 irratti
Eenyuutu Gooftaa wajjin jiraata?
↪️1.     Nama waamame  dha. Mar, 3:13
    ↪️2.  Nama waan hunda dhiisee gooftaa duukaa bu’e dha. (Lu 5:11)
   ↪️ 3.  Nama kan ofii hin barbaanne dha.  Filp, 2:21
  ↪️4. Nama ajajamuu dha.  Yohaannis  14:23
   ↪️ 5. Nama maalummaa Gooftaa beekudha.
  ↪️ 6. Nama gatii isaa gooftaa biratti herreeggate dha.(Ibroota 11: 26)
➡️2. Tajaajila dura: Gooftaa fuuldura isaa taa’u dha.
➡️3. Tajaajila dura: Dubbii Waaqayyootiin kan guutame dha
➡️4.  Qaama  isaa haarsaa qulqulluu isa jiraataa ta’ee dhiyeessuu dha.
➡️5. Tajaajila dura gooftaa dura dhaabbachuu dha.  (2Sen. 29:1-2)
@Singer_Megertu_Official

Olma Gaarii !

@Getu_Official
@Getu_Official




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
👀 "Namni Waaqayyo wajjin waldhabe akkamiin nagaatti jiraata"

╰──⌊  @Getu_Official


Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage dan repost
HARIIROON JAALALA DHUGAA
➿➿➿➿➿➿➿
✦ Waldhabdee qaba.
✦ Imaanaa qaba. 
✦ Wal amantaa qaba. 
✦ Imimmaan qaba.
✦ Miidhama qaba. 
✦ Haasaa mi'aawaa qaba.
✦ Kolfa dhugaa qaba. 
✦ Seequu bareedaa qaba.
✦ Falmii badaa, kan bu'aa hin qabneef hin barbaachifne qaba.
✦ Wal loluu/walitti bu'iinsa qaba
✦ Walitti araarama qaba.
✦ Obsa qaba.
✦ Waliin dubbii/marii qaba.
✦ Hinaaffaa qaba.

👉 Hunda caalaa garuu JAALALA❤️ qaba.

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✍️ @Gaaelabot


❤️ "Miira kee sodaa malee yaada qulqulluudhaan ibsachuuf kan si gargaaran tarkaanfilee 5,...➖ See More

👉 See More
See More


🚨 Iftoominni gatii qaalii ta'e qaba,... See More


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
🎸JAALA JAALAAN DURAA - Dawit Boru 2018
🙏

╰──⌊  @Getu_Official


🎸 Dawit Boru - Nuuf Kenni Jaalala - Faaruu Durii 🎸

Waan hunda argannee jaalala duwwaa dhabne
Gar-laafummaa sirraa barannee garuu waliif araaramuu dadhabne
Ati kan waan kennaa maraa in qabda malaa
Waljibbaa mootummaa hin galanii nuuf kenni Jaalalaa

Ati waan kennaa maraa in qabdaa mala
Waljibbi mootummaa nu hin galchu nuuf kenni Jaalalaa

Ati waan kennaa maraa in qabdaa mala
Waldarbaa mootummaatti hin galamu nuuf kenni Jaalalaa

Ati waan kennaa maraa in qabdaa mala
Wal dhiibaa mootummaa hin galanii nuuf kenni Jaalalaa 🙏

╰──⌊  @Getu_Official




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"በዚ ዘመን እግዚአብሔርን እየማላካችሁ እንደሆነ ያሳስበኛል - ፈራለው ብሎ ነበር" 🤔

@Getu_Official


Iyoob 14:7-9

7 "Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba; 8 hiddi isaa lafa keessaa yoo dulloome iyyuu, gufuun isaa lafa keessatti yoo goge iyyuu,

9 foolii bishaaniitiin in lata, akka biqiltuu haaraas damee in baasa;

Isaayaas 40:31

31 warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.

Hojii Ergamootta 28:6

6 Isaan immoo amma iita'a yookiis amma lafa dha'ee du'a jedhanii eegan. Yeroo dheeraa eegaa turaniis waan tokko illee akka irratti hin ta'in arginaan, yaada isaanii geddaranii, "Inni Waaqayyo tokko" jedhan.


Roomaa 8:28-30

28 Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha. 29 Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.

30 Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.

Olmaa Gaarii Qabaadha!

@Getu_Official
@Singer_Megertu_Official


Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage dan repost
Na hojjedhu ✝️ Naaf hojjedhu - (ስራኝና ✝️ ስራብኝ)

✍️ #Waaqayyo utuu si hin hojjetin karaa kee hin hojjetu, Waaqayyo utuu si hin jijjiirin karaa kee nama hin jijjiiru. Utuu si hin qajeelchinis karaa kee nama hin qajeelchu. Sababni isaa kan hin jijjiiramne nama hin jijjiiru, Kan ofiif hin qajeelle namas hin qajeelchu.

✍️ #Waaqayyo si jijjiira, haala kee, waan kee jijjiira, sitti fayyadamee baay'ee jijjiirra. Manni tokko iddoo namoonni jiraatan ta’uu isaa dura sirnaan bocamuu fi ijaaramuu qaba. Waaqayyo ergaa uummataaf siif kennuun dura ergaa siif qopheessa.

Kan Waaqayyoon dhaga'u in dhaga'ama, Kan Waaqayyoon kabaju in kabajama. Kan Waaqayyoon jaalatu akkuma jaalatametti hafa. Ameeen 🙏

@Gaaela_Gaarii | @Gaaelabot




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
እግዚአብሔር ካሃንተ ጋር ሲሆን የክብር ዘመኒ ብዙ ነው - "Waaqayyo si waliin yoo ta'e barri ulfinaa kee, barri gammachuu kee, barri eebbaa kee dheeradha." 🌹

@Getu_Official


Fak 1:17

17 Warra baalleedhaan ka'an qabuudhaaf, erga isaan arganii kiyyoo diriirsuun waa'ee hin baasu.

Far 91:3
3 Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha

Mati 10:17
17 Namoota irraa garuu of eeggadhaa! Yaa'iitti dabarsanii isinin kennu, manneen sagadaa isaanii keessattis isin in reebu.


Far 91:7-13
7 Kumni tokko si bukkeetti kumni kudhanis gara mirga keetti yoo kufan iyyuu, wanti namatti dhufu kun sitti hin dhi'aatu; 8 ati garuu ija keetiin ilaalte, gatii warra jal'ootaaf baafamu in argita.

godhatteetta. 10 Wanti hamaan sitti hin bu'u, dha'ichis mana keetti hin dhi'aatu.

11 Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma; 12 miilli kee dhagaatti akka hin buuneef, isaan harka irratti si baatu. 13 Ati leencaa fi mar'ataa irra in ejjetta, leenca saafelaa fi jawwee in dhidhiitta.


@Getu_Official
@Singer_Megertu_Official




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
ከ ሰው ወደ ሰው የምታላላፍ ፃጋ

@Getu_Official 😀


💐 Haala kamiyyuu keessa yoo jiraattan, Waaqayyo irraa hin fagaatinaa!

(በምንም አይነት ሁኔታ ዉስጥ ብትሆኑ ፤ ከእግዚአብሔር አትራቁ!)


@Getu_Official 🚀


📖 “Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.”
— Rom. 12:1

@Getu_Official


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"አንዳንድ ትምርቶች አሉ"

@Getu_Official

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.