🇷 🇴 🇧 🇪 🇷 🇦 . 𝗠 ✝️
God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺 dan repost
📌WAAQAYYO JALAA DIDUUN HAMAADHA!
Ibr.3:7-19
"⁷ Kanaafis akkuma hafuurri qulqulluun jedhu, "Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan, ⁸ akkuma warra guyyaa qoramsaa sanatti lafa onaatti, Waaqayyo irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!
¹² Yaa obboloota nana! Isin keessaa tokko illee garaa hamaa isa hin amanne, isa Waaqayyo jiraataa irraa garagalus akka hin qabaannetti of eeggadhaa!
¹³ Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan "Har'aa" inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa.
¹⁴ Nuyi amanannaa keenya isa duraa sana hamma dhumaatti jabeessinee yoo qabanne, warra Kristosittii qooda qaban in taana .
¹⁵ Caaffanni qulqullaa'aanoo, "Har'a sagalee isaa yeroo dhageessan, akkuma warra isa irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!" in jedha;
¹⁶ Warri sagalee Waaqayyoo dhaga'anii isa irratti ka'an eenyufa'i? Warruma geggeessaa Museetiin biyya Gibxii ba'an sana mitii ree?
¹⁷ Waaqayyo waggaa afurtama eenyufa'itti aare? Warruma cubbuu hojjetanii, lafa onaa keessatti kufanii, reeffi isaanii bakkeetti hafetti mitii ree?
¹⁸ Warruma isatti amanuu, isaaf abboomamuus didan sana irraa kan hafe, iddoo boqonnaa isaatti akka hin galle eenyufa'itti kakate?
¹⁹ Egaa isaan amantii dhabuu irraa kan ka'e, iddoo sanatti galuu akka dadhaban, nuyi in argina."
🔻*Saba isiraa'el ilaalaa, osooma gooftaan itti dubbatuu, osooma humnasaa arganii shakkan, abboomamuu didan, irrattu ka'an, lafa onaatti hafan (Ibr.3:7-19).
🔻*Fara'ooniin ilaalaa, osooma irree Waaqayyoo arguu dideema mataa jabaate, xumurri isaa galaanaan awwaalamuu ta'e (Bau.14:8).
🤲🏻 Waaqayyoon Dhagahuun nuuf Haa ta'u!
Eebbifamaa Guyyaa Gaarii!!
📝Wabi Gobana || Bible Preaching Site
🔔GWP-Media 📺
🔥Join and Share 🙏🙏🙏
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
👉🏼https://t.me/Gosp22
👉🏼https://t.me/Gosp22
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝