RAAMMOO KOOSOO (TAPEWORM)!Raammoon koosoo kan nama qabu harki caalaan FOON DHEEDHII nyaachuu irraati!
Mallattooβ Dhibeen kun mallattoo agarsiisuu dhiisuu nii danda'a
β Yoo mar'imaan keessatti baay'ate ammaa raammoo adii, kan battee ta'e, bobbaatii waliin yookiin akkanumatti dhufee ba'uu.
β Garaa ciniinnaa/dhukkubbii.
β Haqqisiisaa/balaqqamsiisaa.
β Dadhabbii (general weakness).
β Fedhiin nyaataa baduu fi kkf dha.
Akkamiin ofirraa ittisnaa?β Foon akka gaariitti bilcheessuun soorachuu (haga 63 oC)!
β Foon gogsuun ashaboo /amoolee/ itti firfirsuun yeroo dheeraaf yoo kaa'uu.
β Nyaata kamuu nyaachuu fi qopheessuun dura harka ofii sirriitti dhiqachuu.
β Foon haga guyyaa torbaa, qurxummii ammoo haga sa'aa 24, Firiijii (refrigerator) keessa (haga -35oC) kaa'uu.
β Bobbaa beeyladoota manaa fi kan namaa seeraan dhabamsiisuun akka beeyladoonni manaa hin qabamne taasisuu.
β Beeylada manaa keessumaa saroota dhukkuba kana qaban yaalsisuu.
Yaala ni qabaa?β Haala salphaadhaan qoricha liqimsamu fudhachuun garaa keessaa dhabamsiisuu ni danda'ama.
β Erga garaa keessaa dhabamsiifnee ammoo maloota ittisaa armaan olii hojiirra oolchuudha.
@Dhimma_Fayyaa π©Ί