Of-too'achuu
📖 "(Galaatiyaa 5:22) - Of to’achuun firii hafuuraa keessaa tokko yoo ta’u, kunis fedhii ofii to’achuu jechuudha. Foon keenya fedhii guddaa qaba. Fakkeenyaaf, wantoota akka fiilmiiwwanii fi suuraawwan saalqunnamtii kakaasan ilaaluu, qoosaa fi haasa'a miira kakaasan dhagaʼuuf fedhii guddaa ni qabaata. Taateen kun yeroo nutti cimu hundatti, yoo deebii kennine to'annoo foonii jala galla. Fooniif heeyyama kennaa jirra. Kunis fedha fooniin jiraachuu jedhama. Dhumni isaas du’a. Kanaaf wanti nu barbaachisuu fi waan kaayyoo keenyaaf nu qopheessu adda baafannee filachuu qabna. Araada pornogiraafii ilaaluu, gocha masturbation kanneen kana fakkaatan keessa dargaggoonni jiran baay'een karaa hafuuraatti miidhamoodha. Fedhi foonii hogganaa keenyaa fi ajajaa keenya olaanaa taanan waan baay'edhaan kufuun waan hin oolledha. Fedhii fi miira foon keenyaa to’achuuf ogummaa Waaqayyo irraa akka fudhannu ayyaanni nuuf haa baay'atu."
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling
✉️✍️ @Gaaelabot