Nama Hafuuraa Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
“Waaqayyo,... yaadni Kiristoos Yesuus qabu isin gidduu akka jiraatu haa godhu.” — Rom. 15:5
Faarfannaa: 17, 13
Nama hafuuraa akkamitti beekuu dandeenya? Namoota hafuuraa fakkeenya taʼan irraa maal barachuu dandeenya? Yaada Kiristoos qabaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? Waaʼee nama hafuuraa taʼuu namoonni baayʼeen ilaalcha akkamii qabu?
Nama hafuuraa taʼuu ilaalchisee gaaffiiwwan ijoo taʼan kamfaa ilaalla?
1. Nama hafuuraa taʼuun gammachuu akka qabaatanii fi qorumsawwan guyyaa guyyaatti nu mudatan milkaaʼinaan moʼuuf gargaara. Nama hafuuraa taanee jiraachuuf carraaqqii gochuu keenyaan, gaaʼela gammachiisaa fi jireenya milkaa'aa boqonnaa qabu jiraachuu ni danda'ama. Nama hafuuraa taʼuun, nagaa sammuu namaaf kenna; akkasumas walitti dhufeenya gaarii obboloota waliin akka qabaannu taasisa. Tokkumaa qabnu akka fooyyessuu qabnus na gargaara”
2. Yaadawwan akkanaa nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka gaariitti ibsu. Kanaan kan kaʼes, ‘Nama hafuuraa taʼee guddachuu fi faayidaawwan olitti ibsaman guutummaatti dhandhamachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafanna taʼa. Haa taʼu malee, deebii gaaffii kanaa deebisuu keenya dura, wanta Kitaabni Qulqulluun namoota hafuuraa ilaalchisee dubbatu ifatti hubachuu qabna. Mata duree kana keessatti, gaaffiiwwan ijoo taʼan sadiif deebii arganna. Nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu dha? Fakkeenyawwan karaa hafuuraa guddachuuf nu gargaaran kam faʼi? “Yaada Kiristoos” qabaachuuf carraaqqii gochuun keenya nama hafuuraa taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?
itti fufa....
@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa