✅
Waan Kana Itti Yaadi!▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🕖Bara haaraa kanaaf guyyoota siif kenname hundumaa sirnaan irratti hojjechuuf
sammuu kee qopheessi! Altokko waan kana itti yaadi, dogoggora kee hundaaf yaada garaa kee geeddari! Guyyoota dabarsite keessatti bu'aa hojii Keetii herreegi! Waan guddaa hojjettee yoo jiraatte galateeffadhu. Yoo itti gaddite gatii dhiisi malee waa'ee waan darbee utuu gaabbituu yeroo kee hin balleessin! Murteessii jireenya haaraa jalqabi! Boqonnaa isa jalqabaa irratti uumaa kee galateeffadhuu eegali. Isa itti aanu hundumaatti mo'icha galmeessita. Sammuu kee beekumsa baachisi malee oduu bara si'anaan hin butuchin. Gurra kee gara barsiisa gaariitti qabi! Humna kee immoo waan hundee qabu irratti bobbaasi! Yoo dandeesse amala nama wajjin si jiraachisu horadhu. Nama naamusa qabu ta'i. Nama rakkate gargaaruu hojii kee godhadhu!
Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyoota kee onnachiisi! Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduu fi gargaaruudha. ✅
🕖
@timevalue24 @Gaggeessummaa@Gaggeessummaa