😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 2ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
📍Bara Yesuus Kristos lafarra jiraataa ture “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana dubbachuun kan isa hin barbaachifneef sababawwan muraasa dubbachuun ni danda’ama. Kana yommuu dubbannu garuu Yesuus Kristos Waaqummaa isaa ganeera, dhokfateera yokaan ammoo karaa kamiiyyuu hin dubbanne jechuu keenya miti.
📍Yesuus garaa gartee qaamaa kan isaa fi Waaqayyo Abbaa gidduu jiru otuu ifa hin godhiin “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana otuu dubbatee Yihuudotatti bitaa gala ture.
📍Yihuudonni waa’ee qaama sadan Waaqayyoo kana jechuunis waa’ee Sillaaseef hubannaa isaa qabaachuu dhiisuu isaaniin, Yesuus “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana otuu dubbatee “ani Waaqayyo Abbaadha” kan jedhu waan isaanitti fakkaatuuf kana jedhee dubbachuun isaa shakkii kan uumuu fi isa irrattis mormii kaasuurra kan darbe faayidaa qabaachuu hin danda’u ture.
📍Kanaafuu yerooma hundumaa hojiiwwan Waaqummaa isaa argisiisan hojjechuu fi barsiisa isaa keessatti karaa ogummaa of keessaa qabaatuun isaanitti dubbachuun namoonni Waaqa ta’uu isaa gara sadarkaa beekanitti akka dhufaniif gargaareera. Garuu yerooma hundumaa kana yommuu godhu garaa gartee qaamaa kan Waaqayyo Abbaa waliin qabaatu ifa gochuun ture.
📍 Yesuus bara lafarra jiraataa ture namoota kanneen kaan irraa bifa adda ta’e hin qabu ture. Har’a namni tokko gara keenya dhufee “ani Waaqayyo dha na waaqessaa” otuu jedhee akkuma nuti hin simanne, akkuma kana ammoo Yesuus bara isaatti otuma kana dubbateera ta’ee mormii dabalachuurra kan darbe faayidaa kamiyyuu hin qabaatu ture.
📍Karaa “ani Waaqayyodha na waaqessi” jedhuun mannaa hojiidhaan Waaqa ta’uu isaa mul’isuun foyyee kan qabaatu ta’uu isaatiin kana godheera. Namoonni ammoo hojii isaa arganii Waaqummaa isaa gara beekuutti yommuu dhufanii fi kabaja Waaqummaaf malu yommuu isaaf laatan itti walii galuun isaaniif mirkaneessuu malee yeroo kamiyyuu yommuu isaan mormu hin argamne (Yoh. 20:24-29).
Yohaannis 20:24-29
24 Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni “Diidimos” jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre.
25 Bartoonni warri kaanis, “Goofticha argineerra” jedhanii itti himan; inni garuu, “Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!” isaaniin jedhe.
26 Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta'u!” isaaniin jedhe.
27 Kana booddee Toomaasiin, “Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!” jedhe.
28 Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef.
29 Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!” ittiin jedhe.
🔺Kutaa 1ffaa Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1159
📅 Kutaa 3ffaan Itti fufa...Oolmaa Gaarii!!
📣 Dhaloota Dukkana Keessa Jiruuf SHARE gootanii biraan Gahuun Dirqama!!
❣️Yoo Isinitti Tole immo LIKE (👍,❤️) Chaanaalii Keenya Immoo JOIN fi SHARE Gochuu Hin Dagatiinaa.
Maatewoos 28:18-19
18 Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera.
19 Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
J https://t.me/Gosp22 J
O https://t.me/Gosp22 O
I https://t.me/Gosp22 I
N https://t.me/Gosp22 N
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ