MICHUU📚


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Bloglar


Chaanaalli Kun walaloo Fi artii ittiin dagaagsuuf kan banamedha
Yaadaaf👇👇
@michuu_fayisaa
Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Bloglar
Statistika
Postlar filtri


Barsiisaan ko sirriin elementary Fi highschool 'tti hafe.

Beekumsa qabu hamma danda'u siif gumaacha. Guyyaa guutuu dhaabbachaa oola. Sin jibbu sin hinaafu sitti hin fayyadamu. Aangoo fi humnasaa sitti argisiisuuf hin dhimmamu. Qabxiillee Hamma ati argatte siif qaba. Yoo balleessite si gorsa maatii keetti siif hima. Sababanii qabxii walirraa muruun elementary hin jiru!🥰

Gabatee gurraacha guutee harkaan siif barreessa. Atimmoo Isa waliin xumuruuf daddaftee barreessita. Hanga uffannisaa daaraa boronqiin laaqamutti of Kennee si barsiisa.

Anis ergan barsiisaa Yuunivarsiitii argeen "Barsiisaan ko sirriin Elementary Fi highschool 'tti hafe"jedheem bar🥰

Barsiisota koo durii yoomiyyuu isiinan jaalladha isinan kabaja naaf jiraadhaa!


Mee dubbii wayiin Gurra isin buusa! Wal haa hordofnu.

Yeroo wayii mucaa tokkotu Yuunivarsiitii barata jedhani. Mucaan Kun qabxii kana toora galchee naqa. Baruma baraan numa Foora jedhani. Fooruu jechuu beektu mitiiree? 4:00GPA Fiduu jechuudha boodumaafuu baraaga.

Ennaa maaltu tahe seetan, Akkuma Fooraa deemeen Exit exam'n gahe, Namnis hiriyaanis Isa abdatu mitiireega ishees qorame jedhani.

Egaa firiin Exit exam' Gadhiifame , mucaan Fooraa ture Kun Haddub' jedhee biyya keessa kufe. Kanaan yoom gahe erga qabxiisaa ilaallatee Dhiiga shaate jedhani😁

Maal jechuun barbaade ......

🤔🤔🤔 Anumaafuu Nan galle maal jechuu akkan barbaade😁

Waaqayyo Haddub' jechuu isin haa oolchu!

Mee nagaan bulaa!

✅Michuudha

React


"Dhugaa hundi hin jaalatu, kanaaf maa jibbitu hin jedhamu!"🥰


Hawwii .....

Osoon baallee qabaadhee
   Osoon ta'ee joobira
   Silaa barrisee dhufeen
   Yoona si bira jiraa

Qofummaa kee dagattee
Yeroodhaaf waliin turraa
Rakkoof rakkina keenya
Mariif marrabaan furraa


  Haasofne tataphannee
Qalbii wal bohaarsina
Kolfaaf  taphaan bashaqaa
Onnee diinaa aarsinaa

  Garuu......
  
Fageenyi nutti hammaatte
Qalbiin nu mankaraaree
Osoo nyaannuu huuqannee
Keessoon keenyi nu daaree.....

  Wal arguun nutti ulfatee
  Teenyee yaadaan xibaarraa
Ilkaan keenyaan kolfinee
Onnee keenyan ni arraa....

Furmaata....
    
           Obsuun filannoo hin qabu
          Jajjabeessanii garaa
         Yaadaan of dhiphisanii
         Hin dhiyeessani karaa....
          👆👆Kanuma 👇👇
             @jaalalaan


Anaan waanti aarsu maali beektuu?

Isa seera barachaa harka tokkoon mujula baachaa harka biraan immoo surree ol butachaa deeman tokko🥺.

Yoomuma nuuf darbaa laata! Hubadhaa waggaa 4 guutuu surree ol butachaa deemuu jechuun waan salphaa miti😁


Bashannansiisaako!
Dhugumaa Baalchaa Saafoo Hirkoo
Sanyii Gootaa!


Durboonni Yuunivarsiitiitti PC (laptop) baachuun muuxannoo qabani na Amanaa achii baanaan daa'ima kunuunsuutiin tokkoffaa tahu🙄

Yeroo tokko tokko daa'ima moo PC baatuu jedhee hamman shakkutti yeroon gahutu jira😁 style isaan ittiin baatan tokkotu na dinqa.

React❤️


Inistuun Kun barsiisaa keenya tokko natti fakkata. Jarri Manas jaartiis hin qabani.🙄

Waan nama dhibummoo jarri tuqaa hin Kennan! Isinan dhokse malee anumtuu F moo maalan qaban tureeyi🙄


"Margee kana Ani akka obboleettittan ilaala!"jedhan inistuun!

Anaan haa nyaatu🙄 Akkuma kootti nama ilaaluu jechuudhaam🙄🙄


"Library' oolee bula kitaabni harka isaarra hin bu'u garuu Qormaata ni hata!"

Yaa rabbi nama akkasiif araarake godhi🙄


Namni post ko like hin goone Oromoo tahuu hin qabu🙄

Dafi xaq godhii darbi


Mana puuliittimee inni namni hundi qubasaa walitti buusee qas qas godhan tokko maaluma argisiisa adaraa waaqaa natti himaa!


Gibbii Yuunivarsiitii keessatti maaltu si aarsa beektaa?

Ati xiqqooma barnoota kana taftaf jedhiiti gara Library' kanattii marmaari. Rabbin jedhiin malee Nyaatuma kaaffee irraa Ameebaan wayii qabdee guyyaa 2' si ciibsiti. Egaa yoona kana namni dhufee si gaafata mitiiree? Jarri Girrisaa maal siin jetti beektaa?

"Cinqetiitu akkas Isa godhe. Barnootatti baayyee cannaqama!"siin jetti. Mee hubadhaa Yaa jaranaa Manni yaalaa Ameebaadha jedhee qoricha siif kenne ,jarri cinqetiidha siin jetti.Cinqillaatiishee haa galabbaxu malee
😁

Maal goona silaa🙄


Yuunivarsiitii keessa hiriyoota kana lamaan qabaannan ati fayyaa keeti!
1) Hiriyaa waliin dubbistu
2) Hiriyaa waliin shubbistu!

Haqa mooraa keessaati Kun!


Ganaan gadnaqa na hordofaa isin🙄


Jalqabumaa waaqarraa malee waan Lafa kanaarraa waa eeguun dogoggora keessumaa tisiisarra Damma eeguun immoo dogoggora guddaadha!

Yaa uumaa Galatoomi Si qofattan boqodhee jiraadhe!😍😍


Waanti abdanne
Daaraa tahee
Kan tuffanne
Asiin bahe!

Kan filanne
Ni kufa
Kan hambisne
Ni dhufa

Tokkummaadhaaf
Ni qoodamna
Nagaa waaqaas
Ni oodamna!

Namni gaddus
Numa seeqa
Yaa uumaa koo
Situ beeka!


Yuunivarsiitiitti Kaffaltiin barataa Guyyaatti dhibba galeera jedhani maaloo mana nyaataa 50'n shiroo nyaatan na xoqqomaamee!
🙄🙄
Warri mother cafe tokko 90 galchani 😁


Brother barataa Yuunivarsiitii jechuun Zeerfoorii gumaa lama qabduuf jedhee ganama saa'atii 4:30tti hiriira kaaffee jala taa'aa nama ooludhaam😁

Wal beekna! Warri biyyaa Akkasitti nun beekani🙄


Qormaatarran jira Teenshinii wayiitu funyaan na qabeeraaf malee silaa oduu wayii sila mana bunaatii gurra na buute tokko gurra isin buusa ture. Barataatu walitti qabamee haasa'aa oduu sana. "Ijoolleen Ijoollee goodaa keenyaati" jedhe Habtamuu Lamuu..Nutis galaa jirra yeroon jedhu silaa nun amantani😁


Afachu mee...

   Namumatu  hamma kana ol utaaluu danda'a moo lafatu ol nama darbachuu  jalqabe?😏

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.