Walifan Tube


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Ta’lim


Dhugaan Siniin Jedha Chaanaalii Kanatti Dabalamtan Jechuun Addunyaa Beektotaatti Dabalamte Jechuudha
Yaadaaf Gaaffii Yoo Qabaattan Karaa bot keenyaa Nuuf Ergaa
@Abbulaabot

You Tube Keenya Subscribe Nuuf Godhaa
youtube.com/@Abbulaa?si=CMf6x1jExGUjxS5t

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


DARKIFY dan repost
💥 WAVE TIME 🔍

🌟 NEW SPECIAL FOLDER 🌟



🔊 ቻናላችሁን ማሳደግ የምትፈልጉ ከ 1K በላይ ያላችሁ በሙሉ wave folder ውስጥ መግባት የምትፈልጉ  ካላችሁ ቻናላችሁን በፍጥነት እና በታማኝነት እናሳድጋለን።


@papa_graphy


በአጭር ጊዜ ውስጥ እንግሊዝኛ ቋንቋ አቀላጥፎ ለመናገር የሚረዳቹ ምርጥ ሀገርኛ የቴሌግራም ቻናል!!

ቻነላችንን ለመቀላቀል 👇👇👇


Haati Manaako Isheen Bareedina Ishee Illaalee Fuudhe Marqaa Hojjettee .......




Daabboo Waliin Moo Buddeenaan Sii Fiduu Naan Jette 😁


Galanni Kan Waaqaati 🙏
Telegram Channel Irratti Followers 1,0000 🎉Gallee Jirra. 🤩Kunis Waggoottan Muraasa Keessatti Hordoftoota Hamma Kanaa Argachuun Waan Guddaadha.Duraan Dursa Waaqa Kanaaf Na Gaheen Galateeffachuu Barbaada Itti Aansee Hiriyyoottan Koo Fi Hordoftoota Koo Maraan Galatoomaa Jechaa Waggoottan Darban Keessatti Hojiiwwan Kanneen Akka Asoosama,Jechoota Hayyootaa,Jechoota Saayikolojii,Jechoota Bashanansiisoo,Akkasumas,Gorsa Fi Suuralee Dinqisiisoo Ta'an Hordoftoota Keenyaaf Gahaa Turreerra. Gara Fuula Duraattis Hojii Keenya Babal'isuun Promotion Hojjechuun Ofiis Ta'e Uummataaf Carra Kan Uumnu Ta'uusaa Gamanumaan Isiin Beeksisna Namoonni Nu Waliin Hojjechuu Barbaaddan

Mana Nyaataa
Mana Dhugaatii
Mana Uffataaa
Account You Tube
Account TikTok
Account Instagram
Fi Hojiiwwan Social Media Waliin Wal Qabatu Beeksifachuu Barbaaddaniif Karaa Bot Keenya 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Abbulaabot

Nu Qunnamuu Dandeessu 💌

Hordoftoonni Koo Hundi Guddaa Galatoomaa 🙏

@Daniel_Tarekegn


10000 Followers 🎉🎉🎉

Wow, we've hit a major milestone: 10000 Members!

Thank you to each and every member, old and new, for being a part of our thriving community!

Together, we've created something truly special and inspiring!

Let's keep the momentum going, celebrate, and continue making a positive impact together!

#10000MembersStrong #CommunityCelebration #Gratitude

Share @Abbulaa
Share @Abbulaa




Yoo Isinitti Tole You Tube Keenya Subscribe Nuuf Godhaa

http://youtube.com/@Abbulaa?si=CMf6x1jExGUjxS5t


Godinaalee Kam Irraa Nu Hordofaa Jirtu ?
So‘rovnoma
  •   Horroo Guduruu Wallggaa
  •   Wallagga Bahaa
  •   Wallagga Lixaa
  •   Qeellam Wallaggaa
  •   Ilu Abbaa Bor
  •   Jimmaa
  •   Harargee Fi Shawaa
  •   Booranaa fi Gujii
  •   Arsii Fi Baalee
  •   Finfinnee
145 ta ovoz


ASOOSAMA GABAABAA

     💋DHUNGOO💋

       KUTAA 7⃣ffaa

     Dubbisa gaarii

......Garuu murtee du'a lubbuu guyyaa sana fudhate. Atimmoo, “Amboo 
dhaabbattee sirbite” jeette? ishee Haaceen, "Yaa jabbilootakoo, 
jabbiloota Odaa jalaa kan nama nyaatu nu kessa jira,” jedhes hin 
dagattiinkaa!" jettee imimmaan lakkuu harcaaste. Dhiisi jedheen maddii 
maddii ishee lamaan irraa imimmaan haxaa'uu eegale.  Osoo kanaan jirruu abbaan Amartii utalchaan kutaa yaalii arifachiisaa 
duruu cufaa hin qabne sana utaalee seene. Garaankoo iddoo lamatti 
hirame, wanti lubbuu qabu tokko mataakoo iddo hodhame keessa 
deeme. Obbolleessishee Harmeenshee osoo hin hafiin wal guuraanii 
dhufan. Jechoonni isaan ittiin na arrabsan hunduu kan hiyyuummaakoo 
qeequ qofaadha. Kanan sodaadhe hin hafne sagaleen isaanii kutaa ani 
keessa ciisee jiru sana goole. Sammuunkoo boqonnaa dhabnaan 
bakkuma sana ciiseen immimmankoo akka Rooba Gannaatti harcaasaa 
akkanan jedhe,

SIN YAKKINE

Gaafa gaafi na
dhukkuba Beekee waansaa hinhimadhu
Gaaf gaafi na gugguba
Yoon hafuura baafadhu
Osoon Daamaa hin takaaliin
Bulloo maafan leenjisee
Harmeenkoos nan abaarre
Abbaankos na eebbise
Osoon sin argiin ooluuf
Manniikee silaa ollaa
Dhooksinee wal jaallana
Maatii keenyammoo
hin sobna Abbankee yoo na argu Akka qeerransaa harqa Harmeenkees na mil'chuuf Ijakoo jibbu argaa Dallaa keesaaniin demaan Akka joobiraan marsa Obboleesiikees silaa Na argu na arbsa
Yoo gaangoo leenjisani
Jilba maaliif sakaalu
Yoo arga na jibbanis
Jibba maalif fandaalu
...ittifufaa

GALATOOMAAA!!!!!

Yaadni kessan na fayyada kanaafuu isinis yaada qabdan nun gaahaa hiriyoota kessaniifis #like #share godha!!!

@Abbulaabot
@Abbulaabot
@Abbulaabot


ASOOSAMA GABAABAA

  💋 DHUNGOO💋

         KUTAA 5⃣ffaa


    DUBBISA GAARIII

...Na guggube inaafankee
Si mili'aadhun hurgufama
Akka calii jirbii fo'uu
Mirrooniiko si argachuuf 
Gadoo kankef sumaaf boo'uu
 
Jechaa boo'een boraatikoofi firaashiikotti hiimachaa osoon jiruu 
gidduutti balballi keenya darbatamee baname, uutalchaan yoon ka'u 
abbaakooti. "Hanga yoonaa raaftaa? aniifi harmeenkee siin barsiisuf 
barii sinbira dura kaanee akka maraataa kaanna," jedhee natti 
dheekkame.
Al-tokko abbaa kiyyaan ilaale. Yaadni isaa sirriidha. Maalimmoon 
balleesseree anas jaalalatu na dirqe, „garaan hiyyeessa hin qabdu‟ jedhu 
mitiree !
Abbaakoo achumatti dhiisee utaalee yoon bahu intalli qofaa ishee 
hancaqee alalfaachaa daandii qal'oo karra keenya jala dabartu irratti 
natti dhufte. Maal abbaashee har'ahoo duran goradhe. Osoo afaankoo 
hin dubbatiin miirakootu dursee gaaffikoo dhiheesseef. Dafqi funyaan   irraan xab, xab na jechaa jira; intallis waa injifatamuu hin haftu akkuma 
na ilaltetti goggogdee hafte. 
Suuta harkashen qabe natti siqxe; mudhiisheen qabadhe, harka ishee 
lamaan gatettiikorra keessee jununfatte. Ittaan siqe, funyaan keenya wal 
tuuqeera hidhiin keenya wal tuquuf sentimeetara kudhan hin caalletu 
hafa.
  Osooma akkanaan wal sukkuumaa jirruu sagalee, "Dhaaphu!" jedhuun 
dhagahee; naasunaan mil'adhe namoota lamatu fuldura keenya 
dhaabbatee jira; naan nahe; garuu, ittan deeme. Amartiinkoo, "Wayyoo 
Kennaako," jechaa akkan jaratti hin deemneef na kadhatte; takkaa qofa 
darbadhee bira darbe, osoon faana tokko hin tarkanfatiin akkaa moyyee 
na gangalchanii, akka kubbaa miillaatti na dhidhiituu eegalan.
Bakkuma sana ciisee boquukoo suuta ol qabadhee yoon ilaalu dhiigni 
Ammartikoorra ammo akka Burqaa Gannaa mirgisee yaa'aa jira. 
Amanuun na rakkise; namni wal jaallate murtee akka kanaa fudhachuu 
qabaa? jedheen of gaafadhe. ...
ittifufaa

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!

yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
   galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!! 
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa

yaadaaf👇👇👇

@Abbulaabot

qunnamuuf👇👇

@Abbulaabot


ASOOSAMA GABAABAA

DHUNGOO

KUTAA 4FFAA


     Dubbisa gaarii!!!!!!

Takka ammo kan Usmaayyoon Musaa, 
“Ijoolleen Meettaa gamaa, ijoolleen Meettaa gamaa
Maali ijoolleen waan fuute hin galchine(2)
Sin dhiisu naan dhiisini, sin dhiisu nan dhiisini
Yoon si dhiise abbaankoo nan dhalchine(2)…” jedhu yaadachaan 
keessakoottin gungumuun eegale.
Sagaleen ishemmoo bifasheen dacha sagal. Yaa Uumaa kaaniin kuma 
badhaasee kaaniin ammoo tokko dhorkata! amanuun na rakkise ija 
hahaxawachaa yoon ilaalu mucittiima duraan taaksii keessatti cinakoo 
teessee turtedha!
Ufii akkam ta'u egaa? akka kaanaan duraa gaabbitti hafumoo deemee 
dubbisu? maal abbaakoo ta'u? mal naaf maltu?  Sagantaan xumuruu dide, ani bahuuf muddame, intallis hin baatu. 
Keessikoo ammayyuu wal mormii gurguddaa lamarra jira; inni calqabaa
dubbisi dhistee hin galiinidha; inni lammataa ammoo dhiisi bareeddun 
kun siif hin maltu jedha. Kuns, 'ILAALCHADHA!'
Sa'aatii harka kiyyaan ilaale, kudhaniifi walakkaa jedha. Bilbila 
harkakorras ilaallan akkanuma. Amanuun natti ulfaate hiriyyaakoo 
gafaanaan natti seeqe. Naan rifadhe! ergii sagantaaf gadi teenyee waan 
waggaa lakkofsifne natti fakkatullee miirakoo hiriyyaakoo sana 
dhookfachuufan obsee taa‟e.
Akkuma sagantaa irraa baaneen kitaabakoo Qr. giphii keessa na jirtuun 
bitadhee deebi'e mana gale. Ta'ii narratti raawwate hundasaa kitaabicha 
keessattan arge. “Kun daawwitiimoo kitaabadhan?” jedhe. Mucittiis 
dubbisuuf ofin murteesse. Amma egaa Waqayyoomti natti haa fidu 
malee naannoo isheen jiraattus bareera magalaa Amboo ganda Hora 
Ayetuu jedhamee waamamu jiraatti. Miilana arginaan gadi hin lakkisu. 
„ILAALCHA DHALOOTAA' kitaaba xinsammuu ani bittadhe sanatu 
ofkuttuu ilma Adam Saadoo na taasise!  Guyyaan isaa Kamisa, gabaa guddaatu magaalaa Amboo jira.
Maatinkoo gaaba deemaniiru. Namni manatti hafe tokkollee hin turre. 
Ani bakkan galgala bulleyyuu boquu ol qabadhee laaqana hin nyaanne. 
Achuma ciiseen…
Konkoneekoo barreddukoo
Gabaabdittii yaa kurkumee
Akkam ta'e sitti himadhu
Laphen kiyyaa na dhukubee
Gad cisnaan abjuun kankee
Jireenyako na guggubee
Sinboo kiyya yaa bareedduu
Dheertu kiyya yaa leemmanee
Si argachuf hunda dhabeen
Jiruun kiyya na jeeqamee
Ati silaa hundaaf seeqxa
Argaan oola ilkaan kaankee 
Ati silaa hundaa beekta .....itti fufaa
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!

yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
   galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!! 
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa

yaadaaf👇👇👇

@Abbulaabot

qunnamuuf👇👇

@Abbulaabot


ASOOSAMA GABAABAA
  
      💋 DHUNGOO💋


      KUTAA  3FFAA

qabadhee..Boquukoo yoon olqabadhu cinakoo hin jirtu. Gaabbiinan mataakoo 
ofirraa cire; afuuratu na hanqate muddamnikoo kan duraa caale! maal 
abjudhaa? jedheen of gaafadhe garuu wantichi miti. Imaltonni taaksii 
sana keessa turan hunduu kan fuuldura taa'es kan duubas garumakoo 
ilaalu. "Feestala siif keennu?" nan jedhe, gargaaraan konkolatichaa 
muddamakoo hubatee ta'uu hin hafu. Anis ol jedhee isa ilaaleen, ati 
maal balleesite aadaa saba Xoophiyaa maraati, guyyaa mataan si 
dhukkube marfee tafatti si cabsanii, yoo garaan si ciniinemmoo bunni 
siif haa danfu jechuun jedheen callise.
Imaaltonni hunduu afaan qabatan; kan natti cininaterree hin dhibu.
Eenyu inni jettaa laata tarii? mooji abbasaa isa hojiin isaa akkasiiti. 
Muddamakoo kanaan bakkan deemuyyuu dagadhee metira dhibbaa ol 
darbee yoon of baru qaata Amboo keessaa baanee Magaalaa Meexxiitti 
dhihaneerra. Naasuun na buusi ! na buusin! jedhe; konkolachisaan sun 
garuu, caalliseema konkolachisa. Dubartiin tokko afaan abaramaa 
sanaan, "Waraj ale," jete namni bu'u jira akkawaan jechuu sanaati osoo
isheen dubbattee afaan ishee keessaa hin xumuriin konkolataan qax 
jennaan dhaabbate!  Anis takka konkolachisaa kana taajjabee bu'e. Faanakoo gara 
dudduubaan qajeelche, naan fiige, dafqa ofirran kutaa Yunversitii 
Amboo Kaampasii Awwaaroo iddoo amma KAAMPAASII 
HAACAALUU HUNDEESSAA jedhamuufi bakkan sirna eebba 
kitaaba 'ILAALCHA DHALOOTAA' jedhuuf deemaa turen gahe. 
Keessummoonni hunduu bakka qabataniiru, ol seenen teessoo duwwaa 
barbaaddadheeman taa'e. Silaa ergan mucittii taaksii keessatti argee 
ijjikoo lafa hin argu, gurriikoo nama hin dhaga'u; akkuman taa'een gara 
waltajjii yoon ilaalu Baandiin Hora Amboo sangataa sha shanbaa 
godhee ho‟isaa jira. Mucaan ani dura taaksii kessatti arges uffata aadaa 
Oromoo Gujiin fayyaamtee baandii fuula dura dhaabbattee,
"Baleho, balehoo karaan balehoo
Wayyaane addaan baanehoo
Afuuftu addaan banehoo
Ya gantuu addaan banehoo "jechaa sirbaa jirti! Ani ammoo 
teessumnikoo teessoorra waan jiru haa fakkaatuyyuu malee bakkuman 
jiru taa‟ee qalbiikoo keessatti,
“ Magaaleeko eenyuu maqankee 
Magaalleeko eenyu maqaankee
An rafeen eda abjuun si arge kotu kotu,” jedha ...itti fufaa


🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!

yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
   galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!! 
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa

yaadaaf👇👇👇

@Abbulaabot

qunnamuuf👇👇

@Abbulaabot


Asoosama Dhungoo Kutaa Sadaffaa Boru Galgala Waan Gadhiifamuuf Hamma Sanatti Like 👍 Gochuun Nu Eegaa


Asoosamni Dhungoon Isinitti Toleeraa?
So‘rovnoma
  •   Eyyee
  •   Lakki
  •   Homaa Hin Jedhu
49 ta ovoz


ASOOSAMA GABAABAA

   💋DHUNGOO💋

     KUTAA 2⃣ffaa

Muccittiin ilkaan cabbii reefu samii keessaa gadi darbame fakkaata,
rifeensi mataa ishee daabee leencaa walin tokko, nyaarri ijasheetii bissii 
garbuurra heddummata. Diimtuu jechuuf diimtuu hangana diimattu 
dagadhee mil‟adhee hin beeku. Dheertuu akka birbirsaa leemmanee 
tokko. Qomeen isheen godhatte jilba hin darbu sarbaa ishee hagadaa 
fakkaattu mul'isa. Mudhiin ishee qabaa hin guutu taaksii ani ittiin 
imalaa jiru seente. Hunduu waan taa'u haa fakkaatu malee dhabbattee
ishee simate. Taa‟umsi ishee sararamee na doo‟adhu jedha, nyaarri 
ijaashe ammoo waan harkaan bocame fakkaata. 
Konkolaachisaan of cina kawwachu yaadee ture bakki garuu 
qabamaadha. Ol seentee, teessoo nama lama qabatu ani irra taa'ee ture 
cinakoo teesse. Urgooftuun isheen qaamatti naqatteettu Konkolaataa 
ittiin imalaa jirru sana keessaafi duubashee urgeesse; qaamakoo 
hundaatu hurgufame. “Dubbisu, lakki dhiisi! kun siif hin maltu,” nan 
jedha miirrikoo. Takkaammoo, “Maal abbashee ati dhiira mitii,” jetti 
onneenkos, osooman akkanaan kessakootti haasa'uu daandii qixxee 
taasifne. Ofcinatti yoon ija hatee ilaalu isheenis na ilaalaa jirti, ijji 
lamaan keenyaa wal irra bu'e. Lapheenkoo akkan waan tabbatti fiigeetti  
na dhahate akka gagaa baqe! Yaa guyyaa har'aa maal natti qabattee 
dhufte jedheen boquu gadi qabadhe.... itti fufa

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!

yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
   galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!! 
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa

yaadaaf👇👇👇

@Abbulaabot

qunnamuuf👇👇

@Abbulaabot


Asoosama Dhungoo Kutaa Lammaffaa Boru Galgala Waan Gadhiifamuuf Hamma Sanatti Like ♥️ Gochuun Nu Eegaa


ASOOSAMA GABAABAA

    💋DHUNGOO💋

  KUTAA  1⃣🇫 🇫 🇦 🇦 


Guyyaa waareedha sagaleen natti dhaga'amu bay'ee bareeda. Sagalee 
sana dhageeffachaa bifa shamarree sanaan daawwadhe, diimtuu 
dheertuu leemmannee tokkodha. Waawuu! jechaan ofittin haasa‟e. 
Akkaataa kamiin akka kutaa ciisaakoo seente garuu bitaa natti galeera!
Akkamitti seente jedhee gafachuu baadhus ittuma siiqeen ciise, isheens 
narraa hin dheessine maddiikoo na dhungatte. Guyyaatti itti ani yeroo 
calqabaaf shamarreen dhungatame guyyaama kana ta‟uu hin hafu miira 
natti dhaga‟ame hundaa himachuuf natti ulfaata. Natti tolus, na 
sodaachiseera. Roobni ni rooba qorris ni jira ollaan maraa balbala 
cufatanniiru anis manakoo cufadheen jira eessaan seentere? gaaffiin 
kun annaafuu gaaffiidha. 
Abjuu jechuuf abjuu miti guyyaadha; guyyaa keessaa wallakkeessa 
sa'aa sagal hin ta'a. Mucayyoon bareeddinni ishee hooda! Reefnsi 
mataa ishee luuccaan sun siree ani irra ciisee jiru guutee jira. Mudhiin 
ishee ammoo qaba tokko hin guutu. Fuulli burtukaana qunca'e fakkaata,
addeenyi ilkaanshee cabbii guyyaa sana rooba makatee samii keessaa 
gad darbame caalaa addaata quubni ishe harkaa halangaa, kan miillaa 
ammoo miilla gogorrii waliin tokko.  Callistee cinakoo ciistee maddiifi hareedakoo na susukkuumti. 
Keessikoo na sodaate, maali yaa Waaqayyoo jaalalli daangaa darbaan 
akkanaa , anoo durillee shamarran irraa carraa guddaa hin qabu kan 
mootii dubartoota Addunyaa kanaa gita Monalizaa taate kana maaliif 
na filatte? jedheen of gaafadhe; garuu, maal godha yeroon utaalee ka‟u 
halkan keessaa sa‟aa toorbadha; Addeessi akka Ibsaa Masqalaatti iftee 
dachee guyyaa keessaa sa‟aa ja‟a fakkeesiteetti; roobnis hin jiru.
Waanttin ani arge kun hunduu abjuudha. Eeyyeen Abjuudhuma !
Of gaafachuu irra darbee harkakoo bitaafi mirgaatu wal ammanuu 
dadhabe. Nan hurgufame, ilkaankoo akka gitaaraa walitti rukutame 
qaamnikoo maraa akka allaadduu na rom‟e. Maaliif akka hin jenne 
jireenya addunyaa kanaa keessatti, ofi amanuurra nama amanuutu waan 
salphatu fakkaata, tarii maliif? akkamiti ? jechaa yaada gaaffii keessa 
seentaa laata? Hayyoonni xiin-sammuu akka jedhanitti, “Diinnike inni 
hammaataan yaadakeeti dursii yaadakee moo’adhu” jedhu! 
eeyyeen sirrii ta‟uus mala. Guuttummaa kitaaba 'DHUNGOO' yoo 
dubbiste gaaffikee maraaf deebii quubsaa ni argatta, dubbisa gaarii!..... itti fufaa

Asoosamni kun baayye namatti tola kanaafu hiriyoota kessanif
yoo xiqqaate nama 20f #share
na jajjabeessuuf immo #like godha. 👇👇👇👇

@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa

yaadaaf👇👇👇👇

@Abbulaabot
@Abbulaabot


Akkam Jirtu Hordoftoota Koo Asoosama Gabaabaa Kutaa Kutaadhaan Isiniif Dhiyeessuuf Waanaan Jiruuf Hamma Sanatti Like ♥️ Gochuun Na Eegaa


Wow 😲
Baga Gammaddan Baga Gammanne Jechaa Chaanaaliin Keenya Kun Hordoftoota Kuma Kudhan (10000) Galuuf Waan Jiruuf Challenge Ajaa'ibaa Isiniif Qopheessee Kan Jirru Ta'uu Isaa Hubattanii Akka Irratti Hirmaattan Jechaa Chalenjin Kunis Guyyaa Har'aa Irraa Eegalee Namoota You Tube Chaanaalii Keenya Subscribe Nuuf Godheef Badhaasa Kan Qopheessee Ta'uu Isaa Hubattanii Akka Irratti Hirmaattan Jechaa
    1 ffaa 1Gb
     2 ffaa 500Mb
      3 ffaa 250Mb
Kan Badhaafamu Ta'uusaa Isinan Beeksisa Akkaataan Challenge Kanaas You Tube Keenya Subscribe Erga Gootanii Screenshot isaa Nuuf Erguun Baayina Namoota Gootaniin Madaalama
Liinkin Isaas Kunooti 👇

http://youtube.com/@Abbulaa?si=CMf6x1jExGUjxS5t

Erga Gootanii Booda Karaa Bot Keenyaa Nuuf Ergaa 👇

@Abbulaabot

Hubachiisa✋
Challenge Kunis Hanga Gaafa Guyyaa 1/1/2017 tti Kan Turudha

@Abbulaa



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.