Gaafa Eenyummaan Cuunfamu ✔
"Loomiin yeroo cuunfamu eenyummaan dhugaa isaa fi dhamdhamni barbaadamu ni ba'a" jedhama. Wantoonni si mudatanii fi haalli ati keessatti of argattu eenyummaa kee sirrii, dhamdhama keessa keetii gadi baasanii mul'isu. Jijjiiramni eenyummaa kan maddu waan itti yaadanii raawwatan irraati.
Fakkeenya . . .
▶️ Maallaqa qabaachuun arjaa yookiin araadaa nu hin godhu, garuu arjummaa yookiin araadummaa nu keessa jiru carraa ittiin gadi baasee mul'isuuti.
▶️ Waltajjiin miidiyaa hawaasaa itti fayyadamnu barsiisaa yookiin nama gadhee nu hin godhu, amala barsiisummaa nu keessa ture yookiin amala nama miidhuu nu keessa jiru carraa baasee mul'isu qofa qabaata.
▶️ Namaan dagatamuun kophaa ta’uun nu jabeessuu yookiin dadhabaa nu hin godhu, humna yookiin dadhabina nu keessa ture qofa baasee mul'isa.
▶️ Aangoo argachuun nama gad of deebisee tajaajilu yookiin abbaa irree, manca’aa fi faayidaa ofiif qofa kan dhimmu godha utuu hin taane, gadi of deebisuu yookiin abbaa irrummaa amala gadhee nu keessa ture gadi baasee carraa argisiisuu qaba malee. Waan tokko galmaan gahuuf yookiin haala kamiyyuu keessa utuu hin seenin dursa of qoradhu, of irratti hojjedhu!
Of irratti hojjechuu jechuun,...
1. Kaayyoo kabajamaa, ulfina qabeessaa fi jireenya hawaasummaaf bu’aa buusu hordofuu.
2. Amaloota kaayyoo kabajamaa sanaaf mijatan irratti hojjechuu.
3. Naamusa kaayyoof malu gonfachuudha.
@Gaggeessummaa ✅