🖥 Mudaa kan hin qabne, qulqulluu, Gaachana
🗣️ "Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana."
— Far. 18:30
Kutaa kana keessatti Daawit waa'ee Waaqa isaa akkas jechuun ibsa: "Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana." (Far. 18:30) Jecha jiraataa kana irraa yaada sadii jireenya keenyaaf madda soorataa kan ta’u haa ilaallu.
Tokkoffaa, mudaa kan hin qabne
Daawit karaa Waaqayyoo "#mudaa_kan_hin_qabne" jedhee waama. "Karaan Waaqakoo mudaa hin qabu." dhugaadha; Karaan Waaqayyoo mudaa kan hin qabne dha, dogoggora tokkollee hin qabu. Yeroo isa hordofnu, bakki itti deemnu iddoo guddaa akka taʼu hin sodaannu. Karaa jalqabnee dirree lafa dywwaa irratti nu dhiifne, garaan keenyas hin cabne. Inni dhugaadha, karaaleen isaas mudaa kan hin qabnedha. Kana yommuu hubannu bakki deemnu samii akka ta’ee fi karaan keenya isa biratti akka tolu hubanna.
Lammaffaa, kan qulqullaa’e
Karaan Waaqayyoo mudaa kan hin qabne qofa osoo hin taane, Dubbiin isaas qulqulluudha. "Dubbiin Waaqayyoo jechoota qulqulluu, akka meetii lafa irratti si'a torba qulqullaa'eedha." (Far. 12:6) Jechi qulqullaa’e kun bu’a qabeessas ta’ee jireenya namaa kan jijjiirudha.
"Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,"
— Ibr. 4:12
Sadaffaa, gaachana
Karaan Waaqayyoo mudaa kan hin qabnee fi dubbiin isaas qulqulluudha, akkasumas "Inni warra isatti amanaman hundumaaf gaachana dha." Diinni harka isaa keessaa bahee miidhaa tokkollee nu irraan gahuu hin danda'u. Kanaaf gaachanaan Waaqayyo bara baraa waan ta'eef boru maal akka ta'u hin sodaannu.
🗣️ Kadhannaa: Yaa Waaqayyo karaan kee mudaa kan hin qabne, dubbiin kee qulqulluu waan ta’eef, warra sitti amanan hundaaf gaachana waan taateef sin galateeffadha. Jireenya koo guutuu akkan siif kennu ayyaana keetiin na gargaari! 🙏 Ameen.
💬 Buddeena jireenyaa ~ #BJ
"Daily Spiritual Feeding"
📱 @Getu_Official