🖥 "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!"
Yeroo ammaa kana tokkummaa keessaa namni tokko yommuu dadhabu "siifan jira jabaadhu" jechuun suuta suutaan hafaa - gadi bu'aa dhufee, amma immoo guutummaatti dagatamaa akka jiru akkaataan jireenya keenya guyyaa guyyaa ragaadha.
Amma dhaloonni kan ilaalu dantaan dhuunfaa isaa hin tuqamin malee waa'ee nageenya obboleessa isaatiif dantaa hin qabu. Kabajni isaa akka jalaa h8n tuqamne fuula isaa gurraachessee, badii xiqqoo namarraa eeguudhaan kabaja irraa mulquuf eeggata. Inni tokko yommuu ofitti mijeessee garaan isa kaanii immoo yommuu itti gaddu ni mul'ata.
Maaddiin bal’aa ta’ee utuu jiruu, jaalala dhabuu irraa kan ka’e eebba soomnee, utuu manni bal’aan jiruu ala wal-bulchinee, gariin kunuunsa waliif dhabuu irraa kan ka’e eebba waldaa keessatti argamu irraa kan ka’e qalbii keenya keessatti addaan ba’uu fi gargar cabuun eebbicha kan saamamne meeqatu jira.
Gooftaan kana jaallachuu baatus dhimmichi amala ta'uun, namoota baay'ee irratti kasaaraa fi laphee namoota hedduu waan miidhe natti fakkaata. Deemsi bara baraa dhiifama dhiiga Kiristoosiin arganneen jalqabne kun kan itti boonnu utuu hin taane, kan nuti guyyaa guyyaan Waaqayyoon sodaannu, gad of deebifnee jiraannee, ofii keenyaan homaa ofiif gochuu akka hin dandeenyee amannee Waaqayyoon sodaachuun nurra jiraata jedheen yaada. Waaqayyoon malee, jabina ofii isaatiin kan gargaarame tokkollee hin jiru.
Gal. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Guutummaan seeraa dubbii tokkicha isa, "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!" jedhuun in xumurama.
¹⁵ Isin garuu yoo wal ciniintan, yoo wal nyaattanis akka wal hin fixnetti eeggadhaa!
Jaalalli nuuf haa baay'atu 🙏
Yeroo gaarii isiniif haa ta'u, isin jaaladha 😍
@Getu_Official ✅