TGStat
TGStat
Qidiruv uchun matnni kiriting
Ilg‘or kanal qidiruvi
  • flag Uzbek
    Sayt tili
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Saytga kirish
  • Katalog
    Kanal va guruhlar katalogi Kanallar qidiruvi
    Kanal/guruh qo‘shish
  • Reytinglar
    Kanallar reytingi Guruhlar reytingi Postlar reytingi
    Brendlar va shaxslar reytingi
  • Analitika
  • Postlarda qidiruv
  • Telegram'ni kuzatish
Getu 📩 Official

4 Sep, 05:15

Telegram'da ochish Ulashish Shikoyat qilish

💐 DHUGAAN BILISA SI BAASA

🤔🙁😝😤☹️🙁☹️

📖 “Dhugicha in hubattu; dhugichi birmaduu isin in baasa" jedhe.”
— Yoh. 8:32

© Jechoonni kun kallattiin Yesus Kiristoos irraa kan dhufanidha. Bilisummaan dhugaa, dhugaa Waaqayyoo beekuu irraa akka argamu namoota barsiisaa ture.
➡️Dhugaan odeeffannoo qofa miti.
➡️Dhugaan Yesus mataa isaati.
➡️Dhugaan Dubbii Waaqayyooti.
➡️Dhugaan ifa soba saaxilu, garbummaa balleessu, sansalata hunda cabsuudha.

✍️ Namoonni baay’een kadhannaa, sooma, kennuu, fi waldaa dhaqan, garuu ammas dhugaa Waaqayyo akka beekan barbaadu waan hin arganneef cunqurfamaa hafu. Yesuus kadhannaan bilisa si baasa, yookiin soomni bilisa si baasa hin jenne. Dhugaan bilisa si baasa jedhe. ✅

💡 Ammas diinni maaliif na cunqursa jettee of gaafattee beektaa? Hafuuronnii fi amalawwan ati jibbitu tokko tokko amma iyyuu maaliif si lolu jettee yaaddeetta? Akkaataan maatii fi marsaan maatii amma iyyuu jireenya kee irratti dhiibbaa kan geessisu maaliifi? Kun waanuma jirudha jettee of gaafattee beektaa? Waaqayyo haala kee ilaalchisee maal jedha? Hojii argachuu dhabuu kee maal jedha? Walitti dhufeenya keessatti gidiraa kee maal jedha? Abjuu badaa halkan hunda si rakkisu maal jedha? Macaafni Qulqulluun ifaadha.
✅ Gaafa dhugaa beektu dhugaan bilisa si baasa. Kana jechuun bilisummaan kee waan beektuu fi amantu waliin wal qabata jechuudha.

✉️ Eenyu akka si lallabe homaa hin qabu. Lallaba meeqa dhageessee homaa hin qabu. Akkam bareeddus ni dhaga'amu. Kadhannaa meeqa akka kadhatte, sanyii fi aarsaa meeqa akka kennite homaa hin qabu. Ammas rakkoon wal fakkaataa yoo si mudate, wanti ati amante dhugaa hin turre jechuudha. Dubbiin Yesuus salphaa fi humna guddaa qaba. “Dhugaas ni beektu, Dhugaanis bilisa isin baafti.” Yoo bilisa hin taane, wanti ati amante dhugaa hin turre. Ammas cunqurfamtee jirta taanaan waanuma bu'aa hin kennine hojjechuu dhiistee dhugaa barbaaduu qabda.

© Kitaaba Hose’aa keessatti “Sabni koo beekumsa dhabuun ni bada” (Hose 4:6) jedha. Namoonni kadhannaa dhabuu yookiin kennuu dhabuun ni badu hin jedhu. Hanqina beekumsaa, hanqina dhugaati. Seexanni kadhannaa keessan hin sodaatu. Dhugaa ati beektu ni sodaata. Yesus guyyaa 40f kadhatee soomaa kan ture ta’us, amma iyyuu Seexanni isa qoruuf dhufe. Seexanni kadhannaa isaa hin sodaanne. Yesusiin mo’ee bitamuu fi cunqursaa isaa jala isa galchuu barbaade. Yesuus garuu dhugaadhaan isa injifate. Yesus injifannoo kan godhe beekumsa sagalee Waaqayyooti.

❤️ Har’as isinis kanuma. Hafuura qulqulluun dhugaa garbummaa hundumaa cabsu akka si barsiisu kadhadhu. Guyyaa guyyaan namoota nan tajaajila rakkoon isaanii dhibbeentaan 99 dhugaa beekuu dhabuu irraa kan dhufudha. Namoonni waan beekan itti fakkaata malee wanti beekan dhugaa miti.

✉️ Dhugaa ni beekta, dhugaanis bilisa si baasa. Waaqayyo si haa eebbisu.

🛐 Kadhannaa: Gooftaa Yesuus, dhugaa kee natti mul’isi, har’as maqaa keetiin garbummaa hundumaa irraa bilisa na baasi. Ameen. 🙏


📖 Buddeena jireenyaa ~ #BJ
     "Daily Spiritual Feeding"
📱 @Getu_Official

1.1k 1 3 13
Katalog
Kanal va guruhlar katalogi Kanallar to‘plamlari Kanallar qidiruvi Kanal/guruh qo‘shish
Reytinglar
Telegram-kanallar reytingi Telegram-guruhlar reytingi Postlar reytingi Brendlar va shaxslar reytingi
API
Statistika API'si Postlar qidiruvi API'si API Callback
Kanallarimiz
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
O‘qish
Академия TGStat Telegram tadqiqoti 2019 Telegram tadqiqoti 2021 Telegram tadqiqoti 2023
Kontaktlar
Справочный центр Qo‘llab-quvvatlash Email Vakansiyalar
Har xil narsalar
Foydalanuvchi shartnomasi Maxfiylik siyosati Ommaviy oferta
Botlarimiz
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot