😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 3ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa
1. Masihii Ta’uu Isaa(Kristos Ta’uu Isaa) Dubbachuun:
📍Yesuus Kakuu Moofaatti raajiin kan isaaf dubbatame Masihii ta’uu isaa irra deddeebi’uun dubbateera (Mat. 16:13-17, Yoh. 4:25-26, 26:1-3. Mar. 14:1-2, 12:35-37, 13:26-27, Luq. 24:13-15;24:25-27,24:44-49) ilaalaa.
📍Raajiwwan Kakuu Moofaa keessatti dubbataman Masiihichi Waaqa ta’uu isaa dubbatu:
⭐️“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo’a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan hammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha” (Isa. 9:6-7).
⭐️“Nuyi amma marfamneerra, yaa warra mandara loltootaa, loltummaa keessaniin walitti qabamaa! Warri nu marsan isa Israa’elin seerratu uleedhaan maddii isaa in rukutu. Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa’elin kan mo’u tokko si keessaa anaaf in ba’a; hundeen isa si keessaa ba’uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti” (Mik. 5:1-2).
⭐️“Waaqayyo gooftaan maccaa, “kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa”jedha. Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda’a ree? Yeroo inni mul’atus eenyutu dhaabachuu dand’aa ree? Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis” (Mil 3:1-3).
⭐️“Teessoon kee inni Waaqayyo siif kenne, yeroo hundumaaf kan bara baraa ti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti; ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite, kanaaf Waaqayyo gooftaan kee dibata gammachuutin si dibee, hiriyoota kee akka caaltu in godhe” (Far. 45:6-7).
📍Tuqaaleen lamaan armaan oliin ibsine akka sababaatti yommuu kaafnu kan itti fufee jiruun ta’a:
• Yesuus Kakuu Moofaa keessatti raajiin kan isaaf dubbatame Masihicha ta’uu isaa dubbateera.
• Akka raajiiwwan Kakuu Moofaatti Masiihichi Waaqadha.
• Kanaafuu Yesuus Waaqayyo ta’uu isaa dubbateera.
♻️Sishooliizimiin salphaa ta’e kun (akkaataan tarreeffama jechoota sababa kanaa) Yesuus Waaqa ta’uu isaa akka dubbate ifatti mul’isa.
🔺Kutaa 2ffaa Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1161
📅 Kutaa 4ffaan Itti fufa...Oolmaa Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!
📣 Dhaloota Dukkana Keessa Jiruuf SHARE gootanii biraan Gahuun Dirqama!!
❣️Yoo Isinitti Tole immo LIKE (👍,❤️) Chaanaalii Keenya Immoo JOIN fi SHARE Gochuu Hin Dagatiinaa.
Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
J https://t.me/Gosp22 J
O https://t.me/Gosp22 O
I https://t.me/Gosp22 I
N https://t.me/Gosp22 N
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ