Wal dhibdee jiru furuudhaan Nageenya waaraa fiduuf Mariin Biyyoolessaa biyya keenyaf murteessaadha." Dr. Mangistuu Tulluu
==
Mariin furtuu wal dhibdeeti. Rakkoolee madda wal dhibdee ta'an walitti fiduun irratti mari'achuun furmaata barbaaddachuudhaan nageenyaan walii wajjin jiraachuuf mariin gumaacha olaanaa qaba. Afaan qawweetiin nageenyi waaraan bu’u waan hin jirreef rakkoowwan bu'uuraa akka biyyaalessaatti waggoota dheeraa lakkoofsisan furuuf mariin biyyaalessaa geggeessuun akka biyya keenyaatti barbaachisaa ta'ee argamee jira.
Bu'uruma kanaan Yuunivarsiitii Ambootti Daayirektara Sab -quunnamtii Uummmataa kan ta'an Dr.Mangistuu Tulluu marii biyyaalessaa ilaalchisuun turtii Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa waliin taasisaniin Wal dhibdee jiru furuudhaan nageenya waaraa fiduuf Mariin Biyyoolessaa biyya keenyaaf murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Waldhibdeen akka biyyaatti gama siyaasaafi kan biroon uumaman furuudhaan nageenyi waaraan akka dhufu gochuuf hawaasa gara mariitti fiduun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Wal dhibdeen biyyi tokko akka hin tasgabboofne gochuudhaan qabeenyi hawaasaa akka manca’u, du’aatiifi buqqaatiin hawaasarra akka gahu taasisa kan jedhan Dr.Mangistuun kana marii biyyaalessaatiin hawaasni walmormuurraa gara waliigaluutti dhufuudhaan biyya diigumsa irraa hambisuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Mariin biyyaalessaa kaayyoo yeroo gabaabaafi dheeraa qaba kan jedhan Dr.Mangistuun, tokkoffaan rakkoon waloo yeroo mudatu, rakkoo waloorratti akka waliigalamu taasisuufi sabaafi qomoon osoo wal hin qoodiin ajandaa sanarratti mari’achuun akka waliigalamu taasisudhaafi lammaffaan burjaajjiin siyaasaa yookiin waldhabdeen yaadaa uummataa gidduutti yeroo uumamu rakkoo dhuunfaafi waloo adda baasuun rakkoo waloorratti wal amantaa qabaachuuniifi seera baafachuun irratti walii galuuf akka adeemsifamu kaasaniiru.
Mariin biyyaalessaa biyya keenyatti yeroo jalqabaatiif adeemsifamu kun seenaa guddaa biyya kanaaf kaa’ee kan darbu ta'uu Dr.Mangistuun himanii, mariin biyyaalessaa kun aadaan marii biyya keenya keessatti akka bartee ta’u gochuun, ijaarsa sirna dimokraasii keessatti gahee olaanaa bahata jedhan.
Dabalataanis lammiileen biyyattii boqonnaa waldhabdeefi walwaraansaa cufuun misoomaafi guddina biyyaaf akka tumsan taasisa jedhaniiru.
Marichi lammiilee biyyattii hunda ilaallata jedhanii rakkoolee bu'uraa akka biyyaatti turan walitti fiduudhaan irratti akka mari'atamuu gochuufi hirmaachisummaafi haammatummaa yoo qabaate akka marichi hin milkoofne wanti taasisu kan hin jirre ta'uu eeraniiru.
Gama biroon miidiyaaleenis mariin biyyaalessaa kun akka milkaa'uuf odeeffannoo haqaafi qulqulluu ta'e hawaasa biraan gahuun gahee isaanirraa eegamu bahu qabu jechuun dhaamaniiru.
Xumura irrattis hawaasni fedhii marii akka qabu himanii waan mari'atame irratti walii galamee gara hojiitti jijjiiramuu akka qabu Komishiiniin marii biyyaalessaa xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhanii mootummaas ta'ee qaamoleen hawaasaa milkaa'ina maree biyyaalessaa kanaaf gahee irraa eegamu bahu qabu jechuun Dr.Mangistuu Tulluu dhaamanii jiru.
Odeeffannoo Dabalataatiif
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com