🙏Sagalee Missiraachoo🙏
Fayyinni Karaa Yesus Kiristosiin argame , qomoodhaan hin daangeeffamne ❌
Amantiidhaan tola kenname.
Amantiin namoota muraasa qofaaf kan kenname miti Ykn Namoota Muraasa irratti kan daanga'e miti.
(Roomaa 3:21-22)
Sababiinsaa garaagarummaan hinjiru.
Sabni Yihudootaa Waaqayyoo Gooftaa wajjin walitti dhufeenya addaa qabu.
Saba kana wajjiin Waaqayyo kakuu isaa gale, mana qulqullummaa Waaqayyo namoota gidduu jiraachuu danda’u akka ijaaran itti kenname, saba kana irraas Gooftaan Yesus dhalate.
Kana jechuun garuu Yihudoota qofatu Waaqayyootti amanuu danda’a, yookaan isaan qofatu fayyuu danda’a jechuu miti.
Gooftaan Yesus Israa’el keessa waan jiraateef, lallabee dinqii isaa waan hojjeteef, amantoonni jalqabaas Yihudoota ta’uun isaanii hiika qaba ture.
Garuu
utuu hin turin oduu gammachiisaa waa’een isaa saboota birootti babal’ate, namoonni saboota biroo irraas gara amantiitti dhufan.
Kanaaf ergamaan Phaawulos , “Waaqayyo Waaqa Yihudootaa qofaadhaa?
Inni Waaqa Ormootaas mitii?
(Roomaa 3:29).
Yaadni armaan olii kun, “Garaagarummaan saba Yihudootaa fi Yihudoota hintaanee gidduu hin jiru AkkasumasYesusiin fudhattee fayyuuf qomoodhaan hin qoodamtu ” jedha.
Kanaaf Yohannis mul'atasaa keessatti (Mul 7: 9 fi 10)
Jedhe.
Qomoo kamirraayyuu yoo dhufte, ejjennoo hawaasummaa kamirraayyuu yoo qabaatte ykn afaan kamiinuu yoo dubbatte: Yesus Kiristoositti yoo amante ni fayyita.
Wangeelli nama hundaaf! ✅
Join 👥 @Yerusaalem_Haaraa
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
Fayyinni Karaa Yesus Kiristosiin argame , qomoodhaan hin daangeeffamne ❌
Amantiidhaan tola kenname.
Amantiin namoota muraasa qofaaf kan kenname miti Ykn Namoota Muraasa irratti kan daanga'e miti.
📖 Rom. 3
²¹ Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru.
²² Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.
(Roomaa 3:21-22)
Sababiinsaa garaagarummaan hinjiru.
Sabni Yihudootaa Waaqayyoo Gooftaa wajjin walitti dhufeenya addaa qabu.
Saba kana wajjiin Waaqayyo kakuu isaa gale, mana qulqullummaa Waaqayyo namoota gidduu jiraachuu danda’u akka ijaaran itti kenname, saba kana irraas Gooftaan Yesus dhalate.
Kana jechuun garuu Yihudoota qofatu Waaqayyootti amanuu danda’a, yookaan isaan qofatu fayyuu danda’a jechuu miti.
📖 Faarfannaan 117
¹ Namoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyoon jajadhaa! Sabni hundinuu isa faarfadhaa!
² Gaarummaan inni nuuf qabu guddaa jabaa dha, amanamummaan isaas bara baraan in jiraata. Waaqayyoon jajadhaa!
Gooftaan Yesus Israa’el keessa waan jiraateef, lallabee dinqii isaa waan hojjeteef, amantoonni jalqabaas Yihudoota ta’uun isaanii hiika qaba ture.
Garuu
utuu hin turin oduu gammachiisaa waa’een isaa saboota birootti babal’ate, namoonni saboota biroo irraas gara amantiitti dhufan.
Kanaaf ergamaan Phaawulos , “Waaqayyo Waaqa Yihudootaa qofaadhaa?
Inni Waaqa Ormootaas mitii?
“Waaqayyo keenya Waaqayyo warra Yihudootaa duwwaa dha moo? Saba warra Yihudoota hin ta'iniifis Waaqayyo mitii ree? Eyyee, inni saba warra Yihudoota hin ta'iniif immoo Waaqayyoo dha.”
(Roomaa 3:29).
Yaadni armaan olii kun, “Garaagarummaan saba Yihudootaa fi Yihudoota hintaanee gidduu hin jiru AkkasumasYesusiin fudhattee fayyuuf qomoodhaan hin qoodamtu ” jedha.
Kanaaf Yohannis mul'atasaa keessatti (Mul 7: 9 fi 10)
Mul. 7
⁹ Kana booddees ilaaleen tuuta sonaan baay'ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa'uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabatu turan.
¹⁰ Jarri kunis sagalee guddaadhaan, "Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa'u biraa; hoolicha biraas in argama! jedhan.