Fatwaa muhaddisa biyya keenyaa Sheikh Ahmad watar
=============================
–Salafiyyaan jechuun karaa salafootaa hordofuu akka ta'e akkasumas Salafiyyaan karaa sirrii akka taate, Salafiyyummaan maqaa qofa osoo hin taane jechaa fi gochaan akka ta'es ibsanii jiru.
Mee warri salafiyyaa jedhanii of waamuun hin jirtu, mubtadi'oota jarri warri jettan Sheekni guddaan kunoo salafiyyaa jedhani of waamuun akka baqqa'u dubbataa jiru maal jettu kanarratti!!??
–Salafiyyaan tokkicha malee salafiyyaa jadiidaa/haaraa wanti jedhamu akka hin jirres dubbataniiru.
Asumaanuu warrii salafiyyaan haaraadha jettan dubbiin keessan Sirrii akka hin taane sheekni isinitti himaa jiru.
–Firqaan ikwaana_muslimaa jedhamtu xalaata/diina muslimaa akka taatee fi firqaa jaalattuu akka taates dubbataniiru.
–Warri Sheikh Muhammad amaan aljaamii arrabsu warra ikwaanaa akka ta'es ibsanii jiru.
–Dhuma irratti keessattuu jiraattoonni M/Asandaaboo fi naannawa ishii waan sheekni guddaan kun jedhan sirriitti dhaggeeffattanii waan dhiheenya kana deemaa tureen walbira qabdanii kamtu akka sirrii ita'e adda baafachuu qabdu.
Keessattuu dhiheenyuma kana "salafiyyaan jedhanii of waamuun hin jiru", "warri salafiyyaa mubtadi'oota" jedhamee dubbatamaa ture garu sheekni dubbiin kun sirrii akka hin taane dubbatanii jiru. Kam akka qabaachuu qabdanu isiniif dhiiseen jira Akka hojii manaatti.
RABBIIN NAMA HAQA HUBATEE HORDOFU, BAAXILAS HUBATEE NAMA IRRAA FAGAATU NUHAA GODHU!!
https://t.me/barnootadiinalislaam/4078