😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 8ffaa (
https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
⭐️Waaqayyo Abbaan Waa’ee Ilma Isaa Maal Jedha?
🔻Obboleeyyan keenyi Musliimaa dubbii Allaah Qur’aana keessatti argaman ta’uu isaanii jechoota itti amanan haal-duree tokko malee ni fudhatu.
🔻Fakkeenyaaf Iisaan durbee irraa dhalate kan jedhu dubbii itti amanamummaa guddaa of keessaa qabaatu kan fudhatan Iisaan
Qur’aana keessatti “ani durbee irraan dhaladhe” jechuudhaan waan dubbateef otuu hin taane, Allaan ofii isaatiin Iisaan durbee irraa akka dhalate waan dubbateefiidha.
📍
Iisaan durbee irraa dhalachuu isaa itti amanuuf isaaniif jechooti Allaah Qur’aana keessatti barreeffaman qofti ga’aa erga ta’ee, nuufis Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf dubbiin Waaqayyo Abbaa sababni ga’aa hin taaneef hin jiraatu.
📍Kanaafuu
Waaqayyo Abbaan waa’ee
Waaqummaa ilma isaa Yesuus Kristos maal jedhee akka dubbate barreessaan Ergaa Ibrootaa faarsaa Daawit keessatti raajii barreeffame ture ibsuun dubbate haa ilaallu.
🪧“Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta’e, innis ergamoota irra caale. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Ati ilma koo ti, ani har’an si dhalche” yookiis eenyuun, “Ani isaaf abbaa nan ta’a, innis ilma anaaf in ta’a” jedhee beeka?
Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, “
Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!” jedhe.
Waa’ee ergamootaa illee, “Inni ergamoota isaa akka qulleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata” jedhe.
Waa’e ilmaa garuu, “
Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti. Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee,
dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise” jedhe. Ammas immoo, “A
ti yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, b
antiin waaqaa hundinuus hojii harka keetiiti.
Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa’u; akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban” jedhe. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo ta’i!” jedhee beeka? Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree”
(Ibr. 1:4-14).📍Akka luqqisii kanaatti
Waaqayyo Abbaan Ilma isaa Yesuus Kristosiin ergamtoonni kan isaaf sagadan, Gooftaa, Waaqa, teessoo bara baraa kan qabu, uumaa bantiiwaaan waaqaa fi k.k.f jechuudhaan ittiin waama.
Kun Kiristiyaanotaaf Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf ragaa ga’aa ta’eedha.🔺
Kutaa darbe (7ffaa) Argachuuf 👉🏼
https://t.me/Gosp22/1236📅 Kutaa 9ffaaniifi inni Dhuma Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!Yohaannis 8:3232 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media ||
Sagalichi Jireenyadha!📣 Dhaloota Dukkana Keessa Jiruuf SHARE gootanii biraan Gahuun Dirqama!!
📥Yaada fi Gaaffii Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼
@Believe_In_Christ79🔴
JOIN US ON ||
Nutti Makamuf 🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼
https://t.me/Gosp22 👉🏼
https://t.me/Gosp22 👉🏼
https://t.me/Gosp22