Forward from: Singer Megertu Official
KAROORA WAAQAYYOO
“Waaqayyoo nama hundumaaf karoora ajaa’ibsiisaa fi dinqisiisaa karaa Ilma isaa nuuf kenneera!” Karoorri Waaqayyoo Karaa Ilma Isaa Gooftaa Yesuusiin addunyaa guutuu fayyisuu dha. Gooftaan Yesuus fayyisaa dhala namaa hundumaaf ergame akka ta’es Kakuu Moofaattis, Kakuu Haaraattis ifaa ifatti ibsameera. Isaan keessaa muraasa:【1】Yohaannis 3:16: irratti ‘Waaqayyo biyya lafaa guutummaa waan jaalateef, kan Isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef tokkicha Ilma Isaa kenne’ jedha. Kanaafuu, Yesuus Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati!【2】Roomaa 3:29 irratti ‘Waaqayyo Inni warra Yihuudotaa qofaaf/duwwaaf osoo hin taane, warra saba Yihuudotaa hin taaneefis Waaqayyoodha’ jedha. Yohaannis 10:16: irratti ‘Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta’a, sagalee kiyyas ni dhaga’u, walitti karra tokko ni ta’u, tikseen isaaniis tokko ta’a’ jedha. Kanaafuu, Yesuus Fayyisaa addunyaa ti. Kan dhala namaa hundumaati!【3】Luqaas 7:1-10 irratti Gooftaan Yesuus tajaajilaa/garbicha/naa’oo angafa warra dhibbaa kan warra Roomaa ni fayyise. Amantii akkasii Israa’eel keessatti illee hin argine jedhe. Mandara Yihuudotaa tiin ala naannoo Gergeesaas deemee tajaajileera, hafuurota hamaas baaseera. (Mar. 5:1-20). Yoh. 4 irratti jibba Yihuudotni warra Samariyaatiif qaban irra darbee dubartii ishee Samaariyaa tajaajileera. Kanaafuu, Yesuus hundumaa jaallata, kanaafuu hundumaa fayyisa, Inni Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati. 【4】Maatewoos 28:19 irratti ‘Egaa dhaqaa, saba hundumaa Maqaa Abbaa, kan Ilmaatii fi Kan Hafuura Qulqulluutti cuuphuu dhaan bartoota kiyya godhaa’ jedhee ergamoota Isaa gara saba hundumaatti erge. Kanaafuu, Yesuus Fayyisaa addunyaa, kan dhala namaa hundumaati!【5】Hojii Ergamootaa 10:34-36 irratti ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu,…Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjatus isa biratti fudhatamaa dha’ jedha. Kanaafuu, Waaqayyo nama wal hin caalchisu, Yesuus Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati!【6】Isaayaas. 53:1-12 irratti Yesuus cubbuu addunyaa guutuudhaaf akka cunqurfamu, akka rakkatu, akka dhiphatu, akka waraanamu dubbatameera. Yoh. 1:29 irratti, Yesuus hoolaa Waaqayyoo, Isa cubbuu biyya lafaa hundumaa irraa fuudhu jedhamee ibsameera. Inni cubbuu keenyaaf du’eera, awwaalameeras, guyyaa sadaffaatti immoo du’aa ka’eera. (1Qor. 15:3-4). 1Yoh. 2:2 irrattis, ‘Inni furee cubbuu keenyaati, cubbuu keenya duwwaas miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee’ jedha. Dhiigni Isaa immoo cubbuu hundumaa keessaa nama qulqulleessa jedha (1Yoh. 1:7). Kanaafuu, dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa keessaa kan qulqulleessuu dha. Yesuus Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati! 【7】Mul’ata. 5:9 irratti yommuu Gooftaa Yesuusiif waaqeffannaa dhiyeessan ‘…Ati ofii keetii qalamtee, gosa hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota dhiiga Keetiin Waaqayyoof bitte…’ jedhanii akka dhiyeessan dubbata. Kanaafuu, Yesuus Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati!Ergaa_Xumuraa: Yesuus hundumaa wal-qixa kan jaalatu, fayyisaa dhala namaa hundumaa akka ta’e ragaa baay’ee dhaan ibsameera. Kanaafuu, namni fayyuu barbaadu kamuu, namni rakkinaa fi balaa hundumaa irraa ooluu barbaadu kamuu gara Isaa haa dhufu! Namni Maqaa Gooftaa waammatu ni oola, ni fayya jedhamee barreeffameera(H. Erg. 2:21, Roomaa 10:13). Barreeffamni kun amantootaaf beekumsa, namoota Isatti hin amanne, jaalala Isaa kan hin argine, jireenya dukkanaa fi abdii kutannaa keessa jiraniif immoo karaa fayyinaa akka ta’uuf ammuma #share godhiitii Wangeela hojjedhu!
@singer_megertu_official
@kakuu_studio
@yerusaalem_haaraa
@megertu_dhugasaa
👉👉👉@wisdomofgod_1818