Megertu Dhugasaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Barnoota Channel kanaan kennamu
1. Jireenya kaayyoo qabu jiraachuu
2. Barnoota Gaa'elaa
3. Dhufaatii Kristos
4.Barumsa Dargaggootaa
Yaadaaf: @Megertu_Dhugasa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter












🌐 "... ¹⁹ Obboloota ko jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa!
²⁰ Dheekkamsi namaa Waaqayyo duratti qajeelina namaaf hin hojjetu.
²¹ Kanaafis xuraa'ummaa, hammina safara dhabes hundumaa of irraa fageessaa! Dubbii lubbuu keessan fayyisuu danda'u, isa kanaaf dhaabame sanas garraamummaadhaan fudhadhaa!
²² Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa!
²³ Namni dubbicha dhaga'ee hojii irra immoo hin oolchine, akka nama fuula isaa of-ilaalee keessatti ilaalee akka jirutti ofii isaa arguu ti.
²⁴ Ofii isaa ilaalee erga adeemee booddee, achumaan bifni isaa attam akka ture in irraanfata.


²⁶ Namni, nama amantii qabu of se'ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa'ee hin baasuuf.
²⁷ Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.
(Yaq. 1:19-27)

@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio




1Phex 5

7 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa! 8 Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.

9 Dhiphinni sanyiin isa kan keessanii kun, obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu beekaatii, warra amantiitti jabaattan ta'aa, Seexanaan mormaas! 10 Yeroo gabaabduudhaaf erga dhiphattanii booddee garuu, Waaqayyo inni ayyaanni hundinuu biraa argamu, inni karaa Kristos gara ulfina isaa bara baraatti isin waame, ofii isaatii iddootti isin in deebisa, isinin dhaaba, isin in jabeessa, hundee keessanis in cimsa.

11 Aangoon baruma baraan isaaf haa ta'u! Ameen. 🙏


🎵 🤝🤝🤝🤝
@Singer_Megertu_Official
👤🎵🎵🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


Qalbifadhu!

༄ Gadi jechuun, olaanaa ta'uu akka ta'e,
༄ Garaan cabe, garaa fayye akka ta'e,
༄ Hafuurri gaabbu, hafuura gammachuu akka taʼe,
༄ Lubbuun qalbii diddiirratte, lubbuu injifattuu akka taate,
༄ Homaa dhabuun, hundumaa qabaachuu akka ta’e,
༄ Fannoo baattachuun, gonfoo kaawwachuu akka ta'e,
༄ Kennuu jechuun, fudhachuu akka ta'e,
༄ Lafti onaan, iddoo mul’ataa akka ta’e! Qalbifadhu!

Yaa Waaqa koo:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
» Dukkana koo keessatti, ifa kee
» Du'a koo keessatti, jireenya kee
» Gadda koo keessatti, gammachuu kee
» Cubbuu koo keessatti, ayyaana kee
» Hiyyummaa koo keessatti, badhaadhummaa kee
» Lafa onaa koo keessatti, ulfina kee akkan argu na gargaari 🙏

🎵 🤝🤝🤝🤝
@Singer_Megertu_Official
👤🎵🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


Forward from: Singer Megertu Official
Obsa | Patience

Obsi kennaa hafuura qulqulluudha. ❤️

📖 “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,”
  — Gal. 5:22

Hafuurri qulqulluun wanta si barbaachisu qofa osoo hin taane obsa wanta si barbaachisuus siif in kenna.

Obsi (quality) kee miti. Obsi kennaa waaqaa waaqa ibsuudha.

Al tokko tokko in dadhabna "obsakoo fixaan jira! Obsikoo dhumee jira!" In jenna. Yommuu obsi keenya dhumaa jira jennu kana immoo wanti haaraa akka uumamu eegna malee obsi keenya caalaa akka dabaluu qabu caalaa obsuu akka qabnu hin yaadnu.

Obsi akka nedaajii (ነዳጅ) dha. Wanta bira gahuu qabdu bira hamma geessutti humna ittiin gara galma keetti adeemtudha. Kanaaf obsi koo dhume jettee hin dhaabbattu, obsa kee dabalattee deemsa kee itti fufta.

Obsa ofii guddifachuuf immoo obsi kennaa hafuura qulqulluu waan ta'eef obsa dhabuuf dadhabbii kee sana keessatti kadhachuu, sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf karaawwan garaa garaa sagalee Waaqayyoo akka dhaggeessu godhan raawwachuun karaa hafuuraa guddachuu keessa obsi kees in guddata.

Mallattoon nama hafuuraa tokko, obsa isaati!

📖 Yaq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.
⁴ Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!

Yeroo baay'ee qoramuu keenyatu milkaa'ina nuuf fida in seena. Garuu qormaanni namoota baay'eef jabina fide kaan immoo kuffiisees argineerra.

Garaagarummaan qormaata keessatti milkaa'uuf kufuu qormaata sana waan ittiin danda'uuf yaalaniidha. Kaan obsaan yommuu danda'an kaan immoo waan ittiin danda'an obsa waan dhabaniif milkaa'uu danda'uus dadhabaniiru.

Obsaan in danda'ama. kan dadhabdeef obsaan ala waan yaalteefidha.

🎵 🤝🤝🤝🤝
@Singer_Megertu_Official
👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1




🚩🚩🚩🚩🚩
🔤🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤🔤
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu

🎵 🤝🤝🤝🤝

👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1




❤️ Coming Soon - Singer Megertu Dhugasa On Sunday 24/02/2017

🎥 🤝🤝🤝🤝

👤💻🎥
https://youtube.com/shorts/QTVZEiH8JQs?feature=share


Forward from: Singer Megertu Official
⭐️⭐️⭐️⭐️
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡
Waldaan Tv Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa Sagantaa Eebba Album Faarfannaa - Faarfattuu Megertu Dhugasa qopheessitee waan jirtuuf saganticha irratti gaafa Guyyaa 23-24 jechuun Qidaamee waaree booda eegaluun Sanbata Guddaa guyyaa guutuu qopheessitee jirti. Sagantaa kana irratti Tajaajiltoonni fi faarfattoonni affeeramanii jiru.

🖥 Isinis Eebba kana Akka nu waliin hirmaattan kabajaan isin affeerree jirra.

📣 Tajaajiltoonni affeeraman:

Faarfataa Abraham Tarree
Faarfataa Amaanuel Gaaddisaa
Faarfataa Yohaannis Tolosaa
Faarfataa Amaanuel Magarsaa fi kanneen biroo affeeramaniiru.

📞 Teessoo: Amboo Addis Katamaa Daandii Gamshuu 100m seentanii Waldaa Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa keessatti.
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu

🎥 🤝🤝🤝🤝

👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


"Gatii utuu itti hin basin,..."

ROBERT Jechoota kana jedha:-
✅ Jireenyi bara baraa ➛ Tola
✅ Araarrii Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Jaalalli Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Mana Waaqayyoo
(church) seenuun ➛Tola

═════
❌ Sigaraa xuuxuun ➛ Gatii
❌ Ejjuun ➛ Gatii
❌ Alkoolii dhuguun ➛ Gatii
❌ Hoteеla itti galgala dhiichisan yookiin sirban (night club) ➛Gatii dha.

═════
✅ Kanaafuu utuu jireenyi bara baraa (TSIYOON) tola ta'ee jiruu namni maaliif gatii kaffalee iddoo badiisaa (SI'OOLIIN) dhaqa?

✅ Kanaaf irra deebi'ii itti yaadii kiristoosittii amanii jireenya kee olfadhuu jedha; namichi dhugaan galeef kun eebbifamaa dha.


Mat. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.
²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.
³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Getu_Official

👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝
https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1




Iyoob 8:21-22

21 inni ammas akka ati kolfa duwwaa taatu, arrabni kees sagalee gammachuu guddisee akka dhageessisu in godha. 22 Yommus warra si jibbanitti yeelloon in uffifama, dunkaanni warra jal'ootaas si'achi hin argamu" jedhee in deebiseef.


@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Sutudio


Gaabbanii Gara Waaqayyootti deebi'uu. 

Waa'ee gaabbanii gara jireenya Waaqayyo nurraa barbaadutti deebi'uuf nugargaaru ; fakkeenya Yesus Kiristos Luq 15:11-26 irratti barsiise nuuf gahaadha. Sababiinsaa barri kun bara gaabbiidhaan gara Waaqayyootti deebi'anii oolanidha malee , akka feeteedhaan jiraatamu miti. Bara calalamu keessa jirra. Maatii Waaqayyoo fi obbolootakoo warra Telegram channel Qo'annaa Macaafa Qulqulluu irratti barsiisa darbu hordoftan Waaqayyo isin jaallata ,isin mararsiifata. Kanaaf isin gorfatee dheekkamsa barichaa keessaa akka ooltan barbaada. 
Gaabbanii deebi'uu.  📖Luq 15:11-26
Luq. 15
¹¹ Gaaf tokko immoo Yesus "Namni tokko ilmaan lama qaba ture.
¹² Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire,
¹³ Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.
¹⁴ Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e, kanaafis baay'ee rakkate.
¹⁵ Warra biyyasii keessaa gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
¹⁶ Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
¹⁷ "Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a.
¹⁸ Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
¹⁹ si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu'" jedhaan.
²⁰ Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates.
²¹ Ilmi isaa garuu, 'Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen.
²² Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa.
²³ Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas.
²⁴ Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames jedhe; hundumtinuus itti gammadan.

Gara Waaqayyootti deebi'uuf maaltu barbaachisa?

👉 Gaarummaa fi waan gaariin Waaqayyo bira qofa akka jiru beekuu 📖 Luq 16:17-18
Gurbichi yaadasaa naanneffatee abbaakoo bira hojjettoonni danuun nyaatanii kan isaan irraa hafu baay'eedha , ani garuu beelaanan miidhamaan jira" jedhe. Biyya inni dhaqe akka isa saame akkasumas beelli akka isa miidhaa jiru hubate. Qalbii deebi'u ofkeessaa dammaqsee ka'e. Inni kan biraan ;
👉 Yakka ofii hubachuudhaan qalbii jijjiirachuu. 📖 Luq 15:18-20
Warra gaabbanii  deebi'aniif ; 
👉 Du'aa gara jireenyatti waamamu. 📖 Luq 15: 20-22 📖  Efe 2:5
👉 Ayyaana waaqayyootiin fayyina argatu. 📖  Efe 2:5, luq 5:28-30.
👉 Ifa kiristosiin argatu. 📖 Mul'ata 21:23,  Efe 5:14.
👉 Ni oolu ykn oolanii argamu. 📖 Yon 4:1.....
👉 Uffata caalu uffatu. 📖 Luq 15:22
👉 Haara'umsaaf kaadhimamu. 📖 Luq 15:22
👉 Maaddii caalutti dhi'aatu. 📖 Luq 15:23

Like 👍
Share 📱📲
Comment ✍

Join  👥  @Megertu_Dhugasa
@Kakuu_Studio


                Of-Qopheessuu.
Bau. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anii gaafa ji'a sadaffaa isaaniitti Siinaa lafa onaa ga'an.
² Isaan Refiidiimii ka'anii Siinaa lafa onaa ga'anii achi in buufatan; buufanni Israa'elootaa fuullee tulluu Siinaa ture.
³ Museen yommus tulluu irratti Waaqayyo bira dhaquudhaaf ol in ba'e; Waaqayyo immoo tulluu irraa Musee waamee, "Isa kanatti fufee jiru Israa'eloota sanyii Yaaqoobitti,
⁴ 'Warra Gibxii waanan godhe, akka joobirri cuucota ishee qoochota isheetiin baattutti isin immoo baadhee gara kootti akkan isin fide argitaniittu.
⁵ Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.
⁶ Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa'aa anaaf in taatu' jedhii himi! Saba Israa'elitti kan ati dubbattu isa kana" jedhe.
Bau. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Ergasii Museen tulluu irraa gad bu'ee gara saba sanaa dhufee, akka isaan of qulleessan, uffata isaaniis akka miiccatan godhe.
¹⁵ Yommus Museen jaraan, "Guyyaa sadaffaa sanaaf of qopheessaa, dubartii biras hin ga'inaa!" jedhe.

Waaqayyoon arguuf of-qopheessuun barbaachisaa dha.
Of-qopheessuun maaliif barbaachise beektu ?
✅ Yerootti dur amanne Caalaa guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef 👉📖 Rom 13:11.  
✅ Kiritosii wajjiin mo'uudhaaf. 👉📖 Yoh 16:33. 
Akkamitti Of-qopheessuun danda'ama. ??
✅ Macaafa Qulqulluu Qo'achuudhaan.  👉📖 Erm 15:16. 2Xim 3:16. 
✅ Kadhachuudhaan. 👉 📖 Luq 21:36. 
✅ Of-qoruu fi of-ilaaluudhaan. 👉📖 1Qor 11:28. Efe 5:10. 
✅ Hojjechuudhaan. 👉📖 Qol 3:23.
Amala warra Of-qopheessuutti jirani:
✅ Rakkina isaanii lafarraa badhaadhummaa waraqaarraatti heerregatu👉📖 2Qor 4:17. 
✅ Miidhamanii jaallatu. 👉📖 Luq 25:34.
bu'aan warra Of-qopheessanii
✅ Mo'icha. 👉📖 Mul 20:4-5, 
✅ Simatamoo ta'u. 



Join  👥 @Megertu_Dhugasa

20 last posts shown.