==Hubachiisa‼️==
Lallaba Wangeelaa Finfinneetti guyyaa boorii irraa eegalee gaggeeffamuuf daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman
Lallaba Wangeelaa Manni Maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa fi Waldaan Wangeelaa Biilii Giraam waliin ta’uun Guraandhala 29 fi 30/2017 Addabaabaayii Masqalaatti gaggeessan hordofee Poolisiin Magaalaa Finfinnee Daandiiwwan Konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomseera.
Haaluma Kanaan:-
👉Daandiin Olompiyaarraa Addabaabaayii Masqalaa geessu Addabaabaayii Olompiyaa irratti
👉Addabaabaayii Xilaahuunii gara Addabaabaayii Masqalaa Geessu Ibsaa Saanjiiseef irratti
.👉Ibsaa Lagahaar irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Lagahaar irratti
👉Teelee Maaquwaarecaarraa gara Isteediyeemii kan geessu Teelee Maaquwaarecaarratti
👉Ibsaa Harraambeerraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Harraambeerratti
👉Masaraa Biyyaalessaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Masaraa Biyyaalessaarratti
👉Addabaabaayii Uuraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Baambiisi marfata Hospitaala Maqraz irratti kan cufamu ta’uu ibsameera.
Daandiiwwan kunneen guyyoota lameenuu guyyaa guyyaa sa’aatii 5:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti kan cufamu ta’uu eerameera.
Odeeffannoo dabalataaf Telegram keenya hordofaa 👉
https://t.me//Youth4Christ1 Madda :FBC fi fuula fb
https://www.facebook.com/share/14zssM1zEa/ ti