HAALOO FI DHIIFAMANamoota jaallatanii fi amananiin ganamuun yookiin miidhamuun miira aarii, gadduu fi waan godhan wallaaluu namatti dhageessisuun waanuma jiruu dha.
Namootni baay'een aarii isaanii garaatti qabachuun yoo irraanfachuuf barbaadan illee, nama sanaaf dhiifama godhanii jiraachuuf gaafa rakkatan argina. Darbee darbee namootni eenyummaa isaanii haaloo kana giddugaleessa godhatanii ijaaranii jiraatu. “ani nama miidhamee dha” jedhanii wantoota godhan maraaf waan ceepha’an qabaatanii fi hubannoo namoota biraa argachuun sammuu ofii eeggatanii jiraatu.
'Ani nama miidhamee dha' isheen jettu kun namoota kanaaf sababa jiraachuu ta'uun kallattii jireenyaa kennitiif. Kanaaf haaloo isaanii kana dhiisuun, eenyummaa isaanii [hubanoo namoota biraa argatan, sababa jiraachuu] dhiisuu itti ta’a.
Qorannaan gara garaa akka argisiisanitti haaloo qabatanii yookiin qorqalbii miidhamtummaa qabatanii jiraachuun nama sana irratti rakkoolee fayyaa fi hawaasummaa hedduu geessisuu danda’a. Kanneen armaan gadii isaan keessaa muraasa:
➊. Jireenya ofii kan of harkaa qaban irratti hundaa’uun guutuun akka hin jiraanne nama taasisa. HIIKA JIREENYAA DALGA TA’E NAMAAF KENNA.
➋. Aariin yookiin hadheeffatanii waa’ee nama biroo yaaduun dhibee onneetiif nama saaxila. Haaloon immoo aarii fi hadheeffata yeroo dheeraaf qabaachuu waan ta’eef carraan dhibee onnee fi haleellaa sammuu(stroke) nama saaxiluu ni dabala.
➌. Dhibee sukkaaraatiif illee nama saaxila.
➍. Dhibee sammuu kan akka dhiphuu, yaaddoo fi nageenyaatiif illee nama saaxila.
➎. Hariiroo namoota biroo wajjinii baay'ee booressa. Namni hadheeffatee waa’ee namoota biroo yaadu miira isaa to’achuun isa rakkisa. Kanaaf aarii fi hadheeffannaan isaa gara maatii fi jaalleewwan isaatti faca’uun walii galtee isaa hafte booressa.
➏. Araada gara garaatiif illee nama saaxila. Miira hir'ataa (negative) keessa seenan keessaa ba'uuf maraammartoo araada keessa seenuuf nama dirqamsiisa.
➐. Dafee nama dulloomsa darbees umrii malee akka du’an nama taasisa. Aariin, gaddii fi miirri dhiphuu haaloo kanaan wal qabatee hormoonii dhiphuu kan koortisoolii jedhamu dhiiga namaa keessatti akka baay'atu gochuun akka dafanii dulloomanii fi du’an nama taasisa.
FURMAATA:DHIIFAMA DHIIFAMA! DHIIFAMA DHIIFAMA!DHIISUU JECHUUN wanta isin irratti ta’e irraanfachuu yookiin dagachuu utuu hin ta’in fedha ofiitiin mirga namicha nama miidhetti aaruu fi haaloo ba’uu dhiisuu jechuudha.
OFIIF JECHUUN DHIIFAMA GOCHUU dhiifama gochuun al tokko tokko keessattuu gaafa namtichi badii isaa hin amanin rakkisaa ta’uu danda’a. Garuu dhiifama kan goonu namicha nu miidheef jennee utuu hin ta’in ofii keenyaaf jennee ta’uu sirriitti ofitti himuu barbaada.
Dhiifama gochuun hariiroo kanaan duraatti deebi’uu jechuus miti. Iddoo namichaallee of kaa’anii haalicha ilaaluun gaariidha. Gocha namtichi godheen miidhaa nama irra ga’e fuulleen itti himuunis boqonnaa haga ta’e namaa kenna.
FAAYIDAALEE DHIIFAMAA①. Hariiroo fayya qabeessa akka qabaatan nama taasisa.
②. Fayyaa sammuu namaa fooyyessa.
③. Dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.
④. Fayyaa onnee ofii ni fooyyessa.
⑤. Dhiphuu, yaaddoo fi mukuu ni hir’isa.
⑥. Ofitti amanamummaan ofii ni dabala.
"Waan godhan/godhaniif hin beekaniitii dhiisiif"
Waan baratte share godhi!
Hariiroo Jaalalaa ❤️