#HIIKKAA_WARAANAA_fi_SADARKAA_GUDDINA_WBO_BIRATTI_SHIRA_MUL'ATAA
==================================================================
Barruu kana keessatti maalummaa fi gosoota waraanaa, haala jaarmiyaa waraana bilisummaa oromoo(WBO),akkasumas shira booddessaa galma gahiinsa qabsoo duubatti harkisuu fi qabsoo'tti gufuu ta'e hanga xiqqoo irràa isiniif kaasuun yaala. Akeekni barreeffama kanaas haalota waraana waliin wal qabsiifamee, badiilee seenaa as dhihoo mooraa qabsoo kana keessatti dhaloota qubee(QUBEE_GENERATION) jedhamaniin hojjetamanii fi ala dhaabbatee nama ilaaleef WBO keessatti burjaajiin waan uumame fakkaatee diinni girrisu bifa salphaan wal hubachiisuudha.Ummata Oromoo hubannaa waraana kanaa hin qabne hamilee tuqaa jiru hubachiisuun balaa karaa kanaan wal qabatee dhufu jalaa saba qulqulluu hawwii bilisummaa qabu kana baraarudha. Hiikkaa fi hubannaa uummanni oromoo waraanaaf qabu bal'isuudha.
#WARAANA:- jechuun Akka maqaa walii galaatti Yoo ta'u kan hidhatee fi kan hin hidhatinis tahee humna(tuuta) waan ta'een balleessufis tahee,waan ta'een tolchuuf kaayyoo ta'e tokko jalatti walitti qabameedha. Humni waraanaa kun qabiyyee, jaarmiyaa, akeeka, gurmaa'inaa fi kkf irratti hundaa'uun bakka gurguddaa 2(lamatti) qoodama.
1. Waraana Biyyaalessaa(Military):- jechuun waraana biyya bilisummaa,walaboommaa fi birmadummaa qabduu, kan lammiileen biyya sanaa fi daangaan biyyaa weerara alarraa bilisa ta'ee fi tiki biyyaa gahuumsa qabu jiru. Waraana mootummaa uummataan taligamu, kan heera uummanni ykn bakka bu'oonni tumaniin qajeelfamuudha.(afaan hedduun keessan beettaniin ittisa biyyaa.)
2. Waraana Biyyaalessaa hin ta'in(Paramilitary):- Gosti waraana kanaa sababa ykn akeeka ykn dantaa irratti hundaa'uun humna hidhatee fi hidhannoo maleen kan ijaaramuudha. Kunis bakka 3(sadiitti) qoodama.
A. Waraana dhaabbataa(regular military):- Gargaarsa waraana Biyyaalessaaf(semi military) jedhamee ijaaramuudha. Kunis akeeka siyaasaa fi nageenyaaf akkasuma dhiibbaa adda addaa ittiin gochuuf waraana mootummaa uummataa biyya bulchuun ijaaramuudha. fkn poolisii, Eegdota mootummaa naannoo, Tiksitoota impàayeraa,...
B. Waraana dhaabbata dhuunfaa fi waraana ajjeechaa dhoksaaf, qabeenya argachuuf(ittiin saaman ykn hojjechiifatan), shiftummaaf....ijaaramuu fi
C. Waraana dhaabbataa hin ta'in(irregular military):- akka Milishaa, Riphe lolaa, finciltoota adda addaa, Farra riphe lolaa, Loltoota Bilisummaa(Free Dome Fighter), nagaa eegdota biyyaan alaa, hidhattootaa fi kkf dha.
--->Gurmuun humna waraanaa tokko yeroo ijaaramu akeeka/kaayyoo ijaaramuuf kan qabu yoommuu tahu, ijaarumsa isaa san keessatti eenyummaan waraanichaa,jabinni isaa fi guddinni isaa ni mul'ata. Hoggana abbaa mul'ataa san jalatti sirna ittiin wal gaggeessu, tarsiimoo ifaa fi tooftaa,ajajaa fi qajeelfama yerorraa yerootti walitti kennee walirraa fudhatu qaba. kanarratti hundaa'uun jaarmiyaan waraanaa tokko maal akka ta'ee fi isa kam akka ta'e kanneen biroo irraa ittiin adda baasuun ni dandahama. Inni akkatti ijaame waraana sirriidha. Abbaa ittiin waamamu ogeessa sirrii ulaagaa geggeessummaa guuttate waan qabuuf addunyaa fi walaalaas hin yaaddessu.Balleessu ni gaafatama.Kanaan alatti humni hidhatee socho'u kaayyoo-maleessadha. Waraana kamiiyyuu haala mijjataa kamiyyuu keessatti wal keessa dhahuu(makuu),haaromsuu,ijaarumsa isaa jijjiiruu(sirreessuu) fi iddorraa iddootti sosochoosuun waanuma jiruudha.Kuni ammoo addunyaa irratti sababa godhamuuf waan qabuuf isa yeroo biraa itti deebina.
--->Akkanaan miseensi waraanaa tokko, addatti waraanni bilisummaa saba isaaf hidhatee falmaarra jiru yeroo jaarmiyaa keessa ture keessaa gara jaarmiyaa biratti baafamu amala mufii agarsiisu hin dandahu. Miseensi WBO duruma waaltummaan, ajaja tokko jalatti leenji'e gaafa baratee,irbuu fuudhee mooraa keessaa bahu oromoo fi oromiyaaf jedhee irbuu(waadaa)waan seenuf seera waraana addunyaa caalaa kaayyoo dhugaa qabatee baheef jedheeti kan seeraa kanaan masakamu.Kanaaf biyyaa abbaa isaa oromiyaa waadaa seenef iddoo barbaachisetti ramadamee qabsoo isaa geggeessa.Waan itti amaneef gufuun tokkolleen isa hin